Naannoo Amaaraatti Biqiltuun Biiliyoona Lamatti Dhihaatu Dhaabbiif Qophaa’e

Naannoo Amaaraatti Sagantaa Ashaaraa magariisaaf biqiltuu biiliyoona tokkoofi miliyoona 700 ol qophaa’aniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiiwwan akka biyyaatti xiyyeeffannoo bal’aa argatan keessaa isa tokkodha. Sagantaan kun uwwisa bosonaa dabaluufi dhiqama biyyee ittisuu qofa osoo hin taane, jijjiirama qilleensaa ittisuuf gahee olaanaa qaba. Itti Aanaa itti gaafatamaan Qajeelcha Qonnaa Godina Goondar Kibbaa Abaataa Shibaabbaawu uwwisa bosonaa guddisuufi biqiltuuwwan diinagdeef oolan dhaabuuf qopheessuuf hojiin qophii dursaa hojjetamaa jira jedhaniiru. Yeroo dhaabbii biqiltuutti hawaasa waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Godinichatti lafti heektaara kuma 28 ol dhaabbii biqiltuuf qophaa’eera. Biqiltuun bosonaa miiliyoona 213 dhaabbiif karoorfame keessaa nyaata beeyladaafi biqiltuuwwan biroo dhaabuuf dhibbeentaan 90 qophaa’eera. Kallattiin fayyadamummaa qonnaan bultootaaf kan oolu biqiltuuwwan bunaa, Paappaayyaafi Maangoo qopheessuun hojjetamaa jira. Qonnaan bultoonni misooma sululaarratti akka gurmaa’aniifi abbaa akka itti ta’aniif ni hojjetama jedhaniiru.
Waggoota darbanitti biqiltuun dhaabaman irratti hawaasni abbaantummaa waan fudhateef sadarkaan qulqullina biqiltuu kanaa dabaleera jedhaniiru. Kanaanis hawaasni fayyadamoo ta’uu kan himan obbo Abaatan godinichatti uwwisni bosonaa dhibbeentaa 14 tuqaa 7 irraa gara 15 tuqaa 7 guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Biqiltuun gara iddoo itti dhaabbatutti geejjibsiisuuf hawaasa sochii kana keessatti hirmaachisuun hojii ashaaraa magariisaa kana keessatti lammiin kamuu ga’ee isaa akka ba’atuuf kan hojjetamu ta’uun ibsameera. Biiroon Qonna Naannoo Amaaraa xumura Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaa kan bara kanaa waggaa 8ffaa ta’e milkeessuuf hojiin qophii dursaa bal’aan hojjetamaa jiraachuu beeksiseera. Akka itti gaafatamaan biirichaa Darajjee Maandafroo ibsanitti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban biqiltuu biiliyoona 1 tuqaa 7 qopheessuuf karoorfameera. Kana keessaa hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 1 tuqaa 72 dhibbeentaa ( 97 tuqaa 3) qophaa’eera. Bakka biqiltuun dhaabbatu lafti heektaarri Kuma 261 ol adda bahuun hojiin boolla dhaabbii biqiltuu qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Inishiyeetiiviin Ashaaraa Magariisaa guddina waliigalaa biyyattiifi aadaa hojii hawaasaa irratti jijjiirama guddaa fideera kan jedhan itti gaafatamichi hawaasni hojicharratti abbaa ta’uun humna, beekumsa yeroo isaa sagantichaaf gumaachuu isaatiin milkaa’inni biqiltuuwwan kanaan dura dhaabaman haalaan dabaluu isaa ibsaniiru. Biqiltuuwwan har’a dhaabaman dhaloota boruufi biyya magariisa taateef wabii ta’uun hubatamee milkaa’ina kanaaf hojiiwwan qophii sadarkaa sadarkaan jiran kutannoodhaan raawwatamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo