“Filannoo Waliigalaa 7ffaa Gaggeeffameen Itoophiyaan Injifatteetti”, Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa

Filannoon Waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame haala nagaa, bilisaafi haqa qabeessummaa qabuun gaggeeffamee xumurameera. Filannichi lammiileen dhiibbaa tokko malee sagalee isaanii bilisaan akka kennatan taasiseera. Adeemsi kunis dimokiraasii biyyattii keessatti jajjabina guddaa agarsiiseera.

‎Filannoon kun dirree siyaasaa bal’isuun paartileen siyaasaa dorgoman yaada isaanii iftoominaan akka waljijjiiran kan taasise yoo ta’u, mootummaa filatame irratti amantaa uummataa cimsuun itti gaafatamummaa dabaleera. Cee’umsi aangoo karaa nagaa ta’uun, hirmaannaan lammiilee akka dabalu, mirgoonni namoomaafi duudhaaleen dimokiraasii akka kabajaman taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuun ibsameera.

‎Bulchaan Olaanaa Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, filannichi karaa  nagaa, diimokiraatawaafi haqa qabeessa ta’een xumuramuu ibsaniiru.    Filannoon kun muuxannoo diimokiraasii biyyattii keessatti babal’isuun Itoophiyaa gara sirna mootummaa hirmaachisaafi nageenya irratti hundaa’eetti tarkaanfachiisu keessatti gahee guddaa qabaachuu himaniiru.

Tokkummaan biyyaalessaa cimuun sabaafi sablammoonni hundi carraa walqixa akka argatan gochuun hirmaannaa isaanii mootummaa keessatti qaban dabaluus ibsaniiru. ‎Filannoo Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame ilaalchisee, taajjabdoonni idil-addunyaafi Gamtaan Afrikaa akkasumas IGAD adeemsa filannoo milkaa’aafi diimokiraatawaa ta’uu isaa mirkaneessaniiru.
Filannoo

Dursaan garee taajjabaa filannoo, Gamtaa Afrikaa, Pireezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaattaan garee taajjabdootaa IGAD waliin ta’uun gabaasa filannoo dhiyeessaniiru. Filannichi milkaa’inaan xumuramuu isaatiin Itoophiyaanonni boonuu akka qaban ibsaniiru. Uummanni Itoophiyaa seenaa cululuqaa kana bara baraan yaadachuu qabas jedhaniiru.

‎Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa, filannoon waliigalaa 7ffaa ulaagaalee hundaan Itoophiyaan akka injifattuu kan taasise, seenaafi haala nagaa qabuun xumuramuu ibsaniiru. Walitti qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa obbo Salamoon Ayyalee, adeemsi filannichaa jalqaba irraa kaasee Paartilee Siyaasaa hedduu hirmaachisuufi dorgommii falmii yaadaa  keessumsiisuun kan raawwatamedha jedhaniiru.Filannichi milkaa’ina, haala nagaafi dimokiraatawaa ta’een akka xumuramuuf manni marichaa qindoominaafi kutannoon hojjechaa akka ture beeksisaniiru

‎Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatawarqi Hayiluu, adeemsi sagalee kennuu gaggeeffamaa ture milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru. Boordichi komiiwwan garaagaraa keessummeessaa akka tureefi tarkaanfii sirreeffamaa kennuu ibsaniiru. Boordichi akka ibseetti, koomiwwaan furmaata hin argannee hiikuuf odeeffannoo walitti qabuufi qulqulleessaa jiraachuu himaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo