Waldaan bulchaa kubbaa miilaa idil-addunyaa (FIFA)’n taphoota irratti harkifannaa hambisuufi naamusa ispoortii mirkaneessuuf murtee abbaa murtii haqa qabeessa gochuuf jijjiirraa seeraa hedduu qorachaa akka jiru beeksiseera.
Haluma kanaan waancaa addunyaa 2026 irratti seerotni armaan gadii hojiirra ni oolu jedhamee eegama:
1. Daangeffama yeroo kubbaa harkaan darbachuu
Taphataan tokko kubbaan harkaan yeroo darbatamuu qabutti itti yaadee taphicha sekondii shaniif yoo ture darbatamuun haqamee garee morkataatiif ni kennama.
2. To’annoo goolii eegdotaa yeroo qisaasessuu:-sirni goolii eegdonni naannoo goolii keessaa kubbaa fudhatanii kubbaa sekondii shaniif qabatanii sa’aatii ajjeesuuf yoo yaalan rukuttaa bilisaa al-kallattii ykn rukuttaa kornee badhaafamuu danda’u qoratamaa jira.
3. Jijjiirraa taphataa ilaalchisee:-taphataan yeroo tapha tokkoo jijjiirrame sekondii 10 keessatti dirree gadhiisuu qaba. Yoo kun hin taasifamne taphataan haaraan jijjiirrame daqiiqaa tokkoof dirree irraa dhorkama.
4. Yaala dirree ala sekondii 60’f
Taphataan dirree irratti ogeessa fayyaatiin yaalamee ture tokko yeroon akka hin qisaasofneef gara dirreetti deebi’uu isaa dura daqiiqaa 1 dirree ala turuu qaba.
-
Dhimma afaan haguuggachuufi kaardii diimaa:
Taphataan yeroo waldhabdee taphattoota gidduutti uumamu harka isaatiin afaan isaa haguugee arrabsoo ykn afaan sanyummaa fayyadamu kallattiin adabuuf yaadonni ka’an jiraatanis, gargaaraan abbaa murtii viidiyoo suuraafi sagalee cimsee mirkaneessuu waan barbaaduuf ammallee falmiin guddaa irratti taasifamaa jira.6. Kornaa rukutuufi gargaaraan abbaa murtii viidiyoo ykn VAR:
VAR fayyadamuun rukuttaa kornaa shakkisiisaa ta’e furuuf ni danda’ama. Haata’u malee, kun taphichi osoo deebi’ee hin jalqabiin duraafi haala ariifachisaa ta’een qofa ta’uu qaba. - VAR gamaaggama kaardii keelloo lammaffaa:
Taphattoonni kaardii keelloo lama argataniin kaardii keelloo lammaffaa gargaaraa abbaa murtii viidiyoo (VAR)tiin akka ilaalamu carraa ni argatu jedhameera. Yeroo ammaa seerri kun osoo hin raggaasifamiin dura liigota gadiifi dorgommii dargaggoota adda addaa irratti qoratamaa jira. Yeroo qisaasama ittisuun xiyyeeffannoo guddaa FIFA waan ta’eef, seerotni tokko tokko yoo xiqqaate gar-tokkeen waancaa addunyaa bara 2026 Ameerikaa, Kaanaadaafi Meksikootti gaggeeffamu irratti hojiirra ni oolu jedhamee eegama.
Guddinaa Asaffaatiin


