Ministeerri Dhimma Alaa Amerikaa ABUT fi miseensota dhaabbatichaa nageenya Itoophiyaa booressan irratti labsii qoqqobbii Viizaa dabarseera. Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa miseensota Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (ABUT) “ejjennoo hin fooyyofne qaban” jedhe irratti uggura viizaa kaa’uu isaa beeksiseera. Tarkaanfiin kun muddama yeroo ammaa hammaachaa jiruufi waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti duumeensaa’aa jiru akka sababaatti eereera. Akka dubbi himaan Waajjira Ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis, Toomaas Piigoot ibsanitti, uggurri viizaa kun namoota dhuunfaa rakkoo naannoo Tigraay karaa nagaa furuuf tattaaffii taasifamu gufachiisaa jiraniifi badii kana keessatti hirmaatan irratti kan xiyyeeffatedha.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon aangoo Seera Immigireeshinii Ameerikaan kennameef bu’uureffachuun murtoo kana ifoomsuu Ministeerichi beeksiseera.
Sababa farreen nageenyaa kanaan waraanni deebi’ee jalqabuu danda’a sodaa jedhu irraan kan ka’e lammiileen kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii eeraniiru. Qoqqobbiin Viizaa kun miseensota ABUT fi maatii isaanii guutumaatti akka ilaallatu ibsameera. “Sochiin ABUT naannicha gara rakkoo hanqina nyaataa hammaataatti kan geessise” jechuun Mootummaan Ameerikaan yaadachiiseera. Hoggantoonni ABUT badii raawwatame hundaaf itti gaafatamummaa akka fudhatan filmaatilee jiran hunda fayyadamuun akka hojjetu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibseera.
Tarkaanfiiwwan dhihoo kana ABUT fi mootummaa federaalaa Itoophiyaa gidduutti mudatan “kaaba Itoophiyaatti waraana deebise kaasuu dhiibbaa kan uumaniifi tasgabbii naannichaa kan booressan” ta’uu isaanii ibseera. Ibsichi dabalataan, “lammiileen kuma dhibbaan lakkaa’aman Kaaba Itoophiyaa keessatti qe’ee isaanii irraa sodaa waraanni deebi’ee ka’u mala jedhanii yaadda’uun baqachaa jiru” jechuun haalli nageenyaa daran hammaachaa jiraachuu akeekkachiiseera.
Dhuma irratti Ministeerri Dhimma Alaa Ejjennoo isaa irra deebi’ee ifoomsuun, Yuunaayitid Isteetis “uummata Itoophiyaa, uummata Tigraay dabalatee kanneen nagaafi tasgabbii kabajanii jiraachuu barbaadan cinaa dhaabbachuu ishee itti fufti” akkasumas “aangoofi humna jiru hundatti fayyadamtee qondaaltota ABUT fi dhimmoota nagaafi tasgabbii naannichaa booressan biroo irratti hojii itti-gaafatamummaa akka jiraatu mirkaneessuufi murtii laachuu ni hojjetti.” jedheera.
Buruuk Tashoomaatiin


