“Filannoon Waliigalaa Marsaa 7ffaa Hirmaachiisaafi Milkaa’aa Ture” Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24/2018 adeemsifameera. Kana hordofee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa sagantaa bu’aa sagalee filannoo Waliigalaa 7ffaa Waxabajjii 14/2014 bu’aa filannichaa ifoomseera.  Saganticharratti ibsa kan kennan Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Meelaataawarqi Hayiluu filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa bara kanaa roga maraan hirmaachiisaa ture jedhaniiru. Aadde Meelaataawarqi ibsa isaaniitiin filannichi kan yeroo kamiyyuu caalaa hirmaannaa dubartoootaafi paartiilee morkattootaa kan itti mul’ateedha jedhaniiru. Bu’aan sagalee filannoo waliigalaa ifoomsame kutannoo filattootaa, paartilee morkattootaa, miidiyaalee, hojjettoota boordii filannoo biyyaalessaa, taajjabdootaafi warreen biroo adeemsa filannichaa keessatti qooda fudhatantuu walitti ida’ame as gahee jechuun Aadde Meelaataawarqi ibsaniiru.

Akka ibsa Boordii Filannoo Biyyaalessaatti Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa irratti sagalee caalmaa argachuun teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa
501 irraa 438 argachuun injifateera. Itti Aanaan Walitti Qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Tasfaayee Nawaay, bu’aawwan boordiin hoggansaa mirkaneesseefi raggaasise ifatti beeksisaniiru.Haaluma kanaan Paartiin Badhaadhinaa teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 438 injifateera. Paartiin Lammiilee Itoophiyaa Haqa Hawaasaaf (EZEMA) hirmaannaa naannolee garaagaraatti taasiseen walumaagalatti teessoo paarlaamaa 13 argachuu danda’eera.

Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) dorgommii Naannoo Amaaraatti taasiseen teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6 injifateera. Madarakiin Naannoo Sidaamaatti teessoo paarlaamaa 3 argateera. Sochii Biyyaalessaa Amaaraa Teessoo 6 argateera. paartileen biroonis mootummaa naannolee garaagaraatti mootummaa bakka bu’oota isaanii keessaa teessoo paarlaamaa argataniiru.Paartilee siyaasaa dorgoman 42 keessaa paartileen 17 teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa argataniiru. Akka bu’aa waliigalaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ifoomseetti, paartilee siyaasaa 17 kana dabalatee, kaadhimamtoonni dhuunfaa 8 teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa injifataniiru.

 

Oduu

AMECO Hirkoo