Waancaan Addunyaa (FIFA World Cup) dorgommii kubbaa miilaa addunyaa irratti kabajaafi beekamtii olaanaa qabu keessaa isa guddaadha. Yeroo jalqabaaf bara 1930 biyya Uruguwaay keessatti kan gaggeeffamee yoo ta’u, yeroo sana biyyoota 13 qofatu irratti hirmaatee ture. Kaayyoon isaa kubbaa miilaa addunyaatti babal’isuufi hariiroo biyyoota addunyaa cimsuudha. Bara kanas wal ta’insa biyyoota sadii Ameerikaa, Kanaadaafi Meeksikoon bakka tokkotti yoo qophaa’u seenaa haaraadha.
Waancaa Adunyaa kan bara kanaa biyyoota sadiin qophaa’uu qofa otoo hin taane kanaan dura biyyoota 32 qofaa kan keessumsiisaa ture bara kana biyyoota 48 kan walitti fide dha. Biyyootni 48 waancaa addunyaa biyya isaaniif galchuuf qophaa’anis biyyootni 32 waancaaf qabxii isaan geessisu walitti qabachuu dhabuun gara biyya isaaniitti gaggeeffamaniiru ;biyyoonni 16 walitti hafuun ijibbaata waancaaf falmachuu itti fufaniiru. Biyyoota hafan keessaa walakkaan guyyoota muraasa keessatti ni gaggeeffamu. Biyyoonni Ardii Eeshiyaarraa hirmaatan hundi marsaa kanaan duraatiin dorgommicha irraa ala ta’aniiru. Ardiin Afrikaa garuu yeroo jalqabaaf biyyoota 10 hirmaachisuun seenaa galmeessite. Isaan keessaa biyyoonni hedduun dorgommicha irraa adda bahanis, Morookofi Masriin marsaa 16 gahuu danda’aniiru.
Waancaa Addunyaa bara 2022 irratti Morookoon walakkaa xumuraatti ga’uudhaan seenaa Afrikaa keessatti biyya jalqabaa ta’uun ni yaadatama. Bara kana ammoo Afrikaa irraa Keep Veerdeen yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa irratti hirmaachuun seenaa galmeessite. Rippaabilikni Dimookiraatawaa Koongoo immoo bara 1974 booda yeroo jalqabaaf dorgommicha irratti hirmaattee tapha walakkaa xumuraatiin dorgommichaa ala taateetti. Morookoon marsaa 16 keessatti qopheessitoota dorgommichaa keessaa tokko kan taate Kanaadaa galchii 3–0’n injifachuun gara nuusa xumuraatti darbuun abdii Afrikaa taatee itti fufteetti.
Waancaan Addunyaa bara 1930 yeroo jalqabaaf gaggeeffametti namoonni muraasni qofa kallattiin istaadiyeemii keessatti argamuun dorgommicha hordofaa turan. Amma garuu dorgommichi sadarkaa addunyaatti hordoffii guddaa argateera. Miliyoononni kallattiin istaadiyeemota keessatti argamuun yoo hordofan, biiliyoononni immoo televizyiniifi interneetiin hordofuudhaan Waancaan Addunyaa sagantaa ispoortii addunyaa irratti hordoffii guddaa akka qabaatu ta’ee jira. Waancaa Addunyaa bara kanaa irratti taateewwan addaa hedduun mul’ataniiru. Isaan keessaa tokko, abbaa murtii lammii Somaaliyaa Omar Abdulkadir Artan, Ameerikaan viizaa isaa dhorkuun gara biyya isaatti akka deebi’u taasifamuudha. Haalli kun falmii bal’aa uumeera, FIFA’nis kaffaltiin hojii isaa guutummaatti akka raawwatamu taasisuun ibsameera. Taatee biraan addunyaa hedduu hawwate immoo goolii eegaa Keep Veerdee Voozinhaa ture. Innis tapha marsaa garee Ispeen waliin taasiseen kubbawwan hedduu qolachuun gareen isaa 0–0’n akka qixa bahu taasisera. Haa ta’u malee, haati isaa Aanaa Kaandidaa Eevoraa, rakkoo viizaafi baasii imalaa irraa kan ka’e tapha seena qabeessa sana qaamaan argitee ilaaluu hin dandeenye. Taphicha irratti gahumsa goolii eegan erga agarsiiseen booda mootummaa Ameerikaa, FIFA fi mootummaa Keep Veerdee walta’uun viizaan isheef saffisaan akka kennamu taasifame; kanaanis gara Ameerikaa imaluun tapha itti aanu irratti ilma ishee deeggertuuf carraa argachuun ishee taateewwan yaadataman keessaa tokko ta’era.
Kana malees, walitti bu’iinsi mootummaa Ameerikaa, Israa’el fi Iraan gidduutti muudate sababeeffachuun gareen kubbaa miilaa Iraan buufata leenjii isaanii Ameerikaa keessaa gara Meeksikotti jijjiirachuun, tarkaanfii nageenyaafi haala siyaasaa irraa madde ta’uun ibsameera.
Murtoon kun taphattoonni Iraan gara Ameerikaatti imaluu fi viizaa argachuu irratti danqaawwan uumamaniin walqabatee kan fudhatame yoo ta’u, kunis tarkaanfii addaa taatee dorgommicha irratti muudatedha.
Walumaagalatti, Waancaan Addunyaa 23ffaan FIFA 2026 seenaa haaraa, dorgommii cimaafi taateewwan hedduu addunyaa hawwatan of keessaa qabaachuun addunyaa mara biratti xiyyeeffannaa guddaa argateera. Dorgommichi yeroo ammaa marsaa 16 irra kan ga’e yoo ta’u, gareewwan ciccimoon gara nuusa xumuraatti darbuuf wal falmaa jiru. Tapha xumuraa Adooleessa 19, 2018 gaggeeffamuun waancaan addunyaa kan eenyuu akka ta’u jaallattootni kubbaa miilaa hawwiidhaan eegaa jiru.
Waancaa Addunyaa 23ffaan kan eenyuu ta’a laata?


