Tola Ooltummaa Waldeeggarsa Hawaasummaa Cimsaa Jiru

Tola ooltummaan gocha namni tokko yookiin gareen tokko fedhii fi jaalalaan, faayidaa tokko malee nama, hawaasa yookiin garee hawaasaa beekumsa,humna isaafi mallaqa isaan itti tajaajiluudha. Kunis hariiroo hawaasummaa cimsuu, wal amantaa uumuufi misooma namoomaa cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu aadaa uummatni Itoophiyaa rakko nama dhuunfaafi garee mudate ittiin furatudha. Tola ooltummaan waliin jireenyaa, tokkummaa fi obbolummaa cimaa uuma;rakkoo hawaasummaa hiikuu keessatti gahee guddaa qaba.

Magaalaa Kamiseetti hawaasni hojii tola ooltummaan rakkoolee namoota mudatan ittiin furachaa jiru. Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa,Daa’immaniifi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaala Kamisee Aadde Aanshaa Alii.  tola ooltummaa gannaatiif qophii gahaa  taasisuufi hojii bu’aa qabeessa kan rakkoo furuu irratti xiyyeeffate gaggeessuuf karooraan qabatanii  jiraachuu himan. Hojiin hojjetamu dhimmi irratti hojjetamu dursee kan adda baafame;namoota harka qalleeyyii wantoota bu’uura jireenyaa ta’an kan akka sooraataafi uffataa, qaama miidhamtoota meeshaalee deeggarsa qaamaa, humnaan gargaaruufi mallaqaan bira dhaabachuu, manguddootaa humnaan gargaaruufi dhiiga arjoomuuf qophii akka taasisan himan.

[Aadde Aminaat Naasiir jiraattuu Magaalaa Kamiseeti,Harka qalleessa waan turaniif waan isaan hojjetanii maatii isaanii ittiin bulchan konteenerii keessatti shayiifi buna hojjetaniifi kan ittiin hojicha eegalan bulchinsi magaalichaa deeggarsa taasiseen yeroo ammaa of danda’anii maatii isaanii bulchaa jiru. Rakkoo hojii dhabdummaa kan isaaniif fureefi hojii tola ooltummaa isaaniif taasifametti gammaduus himan. “Nama humna hin qabne gargaaruun baay’ee nama gammachiisaa;miira jaalalaafi hariiroo gaarii nama gidduutti cimsa.Dubbartoota hirkatummaa diinagdee Jalaa baasuufis ofii dandeenye akka dhaabbannuufis kan nuu gargaareedha” jedhan.

Itti Gaafatamtuun Dhimma Dubbartoota, Daa’immanii fi Hawaasummaa Aadde Aanshaa Aliitiifi Itti Gaafatamtuun Hoggantuu Paartii Badhaadhinaa Aadde Zamzam Mahaammad wajjiin ta’uun mana maanguddoo ijaaruu, hanga nyaata harka qalleeyyii deeggaraa turuus himan. Bara kanas  mana dulloomeefi kan eenyuu dursa haaromfamuu akka qabu adda baasuun  hojjechaa akka jiranis himan. Tola ooltummaan rakkoo diinagdeefi dhiphina sammuu akka fureef himan;Kanaaf namni kamiyyuu yaadan,mallaqaan,humnaan waan danda’uun akka nama bira dhaabbatu erga dabarsaniiru.

Aadde Hiikmaa Abduus,  jiraattuu  Magaalaa Kamisee akkuma Aadde Aminaat Naasir hojii tola ooltummaan deeggaramanii rakkoon isaanii furameefidha. Waajjirri dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa Magaalaa kamisee hojii tola ooltummaan deeggarsa taasisaniifiin yeroo ammaa carraa hojii uummachuun jiruufi jireenyaa isaanii gaggeeffachaa jiru.”Ergaan carraa kana argadhee hojjedhee ofjijjiiruu irra darbee namoota biroos gargaaraan jira” jedhan. Carraa hojii isaaniif uumameen mana bunaa isaaniitti hojii dhabdoota qacarachuun carraa hojiis uumuufiis himan; Kana malees maatii harka qaleeyyiidhaaf  nyaata irra hanga uffataatti deeggaruu dabalataanis daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahee maatiin barsiisuu hin dandeenyeef meeshaalee barumsaaf barbaachiisaan deeggaruun barsiisaa jiraachuu isaaniis himaniiru. Akkuma isaaniif tola oolamuun rakkoon isaanii furame hojii tola ooltummaa bara kanaa mana namootaa haaromsuufi hojii biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuuf fedhii kan qaban ta’uus himan.

Hawaasa jaalala qabu qabaachuu isaaniitti kan gammadan ta’uufi  nama deeggaruun wanta hundaa olitti kan namatti toluu ta’uufi hanga humna isaanii kan deeggaruu itti fufan ta’uus himan.

Akka Aadde Aanshaan jedhanitti tola ooltummaan baroottan darban taasifaman: “Nyaata kennuu irraa eegalee hanga mana namaaf ijaaruutti  hojii tola ooltummaatti gargaaramneerra” jedhan. Bara darbe mana maanguddoo humna hin qabnee 8 ijaaruu fi mana namoota harka qalleeyyii 24 haroomsuu isaanis eeranii;kun gara mallaqaatti yoo jijjiiramu guddaa ta’uus ibsan. Hojii tola ooltummaa bara kanaan hanga tilmaama birrii miliyoona 1.8 ta’u hojjechuuf karoorsuu isaaniis kaasaniiru. Barana Magaalaa Kamiseetti mana jiraattota dhibba 4 ta’anii ijaaruufi haaressuuf  adda baasanii hojjeetaa jiru.

Tola ooltuummaan hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti gahee Ol-aanaa qaba. Nama gargaaruuyookiin namaaf tola ooluun jaalala obbolummaafi tokkummaa waan cimsuuf namni otoo of hin qusatiin waan qabuun humna,qabeenyaafi beekumsa qabuun nama gargaaruun akka irraa eegamu kaasuun; nama gargaaruuf nama ta’uu qofti gahaa akka ta’es Aadde Aanshaan kaasaniiru. Dabalatanis nama gargaaruun wantoota namuummaa nama irra eegamu kan ibsu waan ta’eef kanaaf namni hunduu hanga humna ofii qabuun gargaarsaa gochuu akka qabu waamichas godhaniiru.

 

Dargaggoonni tajaajila hawaasummaarratti bobba’an aadaa fi jireenya naannoo addaddaa keessatti wal argachuun wal-baranii fi aadaa waliif qooddatan uumuuf sadarkaa biyyaatti dargaggoo hojii tola ooltuummaa daangaa ce’een hariiroon sabaafi sablammootaa akka cimu taasifamaa jira.Tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf hariiroo hawaasaa cimsuuf hojiin tola ooltummaa akkasii cimee itti fufuu barbaachisa.

Tola ooltummaan aadaa walgargaarsaa fi tokkummaa uumuudhaan walitti dhufeenya hawaasummaa cimsudha. Hawaasa keessatti kabaja, jaalalaa fi miira abbummaa guddisuun namoonni akka wal-jaallatan, wal-tumsanii fi waliin jiraatan taasisa.Namni rakkoon isaa hojii tola ooltummaan furame nama akkasaa biroof akka tola oolu jalala biyyaa akka qabaatu taasisa.

Wantoota qabeenya mootummaan gargaaranii geessisuu hin dandeenye hawaasni bal’aan tola ooltummaan deeggaruun kan rakkoo keessa jiru rakkoo irraa baasuu;kan misoomuu qabu misoomsuun dirqama lammummaa bahuun irraa eegama!

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo