Ameerikaan Deeggarsa Maallaqaa Waraana Somaaliyaaf Taasistu Dhaabuu Irraan Kan Ka’e Gamtaan Afrikaa Walga’ii Ariifachiisaa Waame

Ameerikaan sababa mormii Al-Shabaabiin loluu irratti bu’aan barbaadamu argamuu dhabuu isaa caqasuun hanga xumura bara kanaatti deeggarsa maallaqaa Somaaliyaaf taasiftu dhaabuu beeksisuu hordofee, Gamtaan Afrikaa, Deeggarsa fi Tasgabbii Somaaliyaa keessatti gaggeessu dhimma waraanaa Somaaliyaa keessa jiru irratti walga’ii ariifachiisaa waameera. Gamtaan Afrikaa kan deeggarsaafi tasgabbii loltoota somaaliyaa deeggaru walga’ii aarifachiisaa waameen  sodaa deeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii/UN/ kan Ameerikaan Mallaqaan deeggartuun ala diigamuu danda’a jedhuuf furmaata kennuufi. Mootummaan Somaaliyaa itti gaafatamummaa nageenyaa fudhachuu dadhabuun kan qeeqame yoo ta’u, dabalataan sababa tasgabbii dhabuu siyaasaatiin balaan kun caalaatti hammaachaa jira.
Gamtaan Afrikaa, guyyaa Jimaataa dhimma Deeggarsa fi Tasgabbii Somaaliyaa keessa jiru irratti walga’ii ariifachiisaa waameera; kunis Waashingitan finciltoota Al-Shabaab irratti bu’aan yookiin jijjiiramni argamuu dhabuu isaa sababa godhachuun deeggarsa maallaqaa murteessaa ta’e akka addaan kuttu beeksisuu hordofeeti.
Somaaliyaan finciltoota Al-Shabaab gara waggoota digdamaa lolaa kan turte yoo ta’u,  gareen Al-shabaab kun ammallee kutaalee biyyattii bal’aa ta’an to’atee jira.Gamtaan Afrikaa,Deeggarsaafi Tasgabbii Somaaliyaaf taasisu /AUSSOM/ loltoota gara 12,000 dhiyeessuun,  raayyaa ittisaa Somaaliyaa deeggaraa jira.
Waashingitan xalayaa Adoolessa Tokko Gamtaa Afrikaaf barreessiteen, deeggarsa maallaqaa Waajjira Deeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Somaaliyaa keessa jiruuf (UNSOS) gootu, kan maddaa maallaqaa  Gamtaan Afrikaa Deeggarsaafi Tasgabbii Somaaliyaaf taasiftu/AUSSOM/ isa guddaa ta’e, dhuma bara kanaatti akka addaan kuttu beeksisteetti.
Xalayaan kun dippiloomaasii olaanaa Gamtaa Afriikaa bira jiraniin kan mirkanaa’e yoo ta’u, isaanis murteen kun kan duubatti hin deebineefi ergamni isaa kan xumurame ta’uu ibsan.
Komishiniin Gamtaa Afrikaa Jimaata dhufutti walga’ii ariifachiisaa  dhimma deeggarsaafi tasgabbii Somaaliyaa irratti xiyyeefatu irratti waamuu ragaan oduu AFP irraa argame ni mul’isa.
“Deeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) kan Ameerikaan maallaqaan deeggartu ala, ergama keenya isa Somaaliyaa keessaa galmaan ga’uuf nidirqamna,” jedhan dippiloomaatiin maqaan isaanii akka hin dhahamne  gaafachuun AFP’tti dubbatan tokko.

Xalayaan kun mootummaan Somaaliyaa “Al-Shabaab irratti tarkaanfii argame itti fufsiisuu, hojiiwwan nageenyaa isaa ofii isaatii to’achuu, ykn sakatta’iinsa fi fooyya’iinsa jabaa gama damee nageenyaatiin gochuu” dadhabuu isaatiin qeeqeera.Qeeqa ka’e kanaaf Gama Gamtaa Afriikaa ykn Mootummaa Somaaliyaa irraa deebiin hatattamaan kenname hin jiru.
Somaaliyaan ajandaa garagaraatiin akka rakkataa jirtuufi yeroo ammaa kana ammoo rakkoo siyaasaa keessa kan jirtu dha.Pireezidaantiin Hasan Sheek Mahaamuud bara kana jalqaba irratti heera mootummaa akka jijjiiramu kan taasisan yoo ta’u, kunis erga yeroon taayitaa isaanii Caamsa 15 xumuree booda yeroo aangoo isaanii waggaa tokkoon dheeressaniitidha.
Paartileen mormitootaa fi mootummootni naannolee jijjiirama kana kan morman yoo ta’u, kunis magaalaa guddoo Moqaadishoo dabalatee kutaalee biyyattii adda addaa keessatti walitti bu’iinsa hamaa uumeera.
Mahaamud erga bara 2022 aangoo qabatanii booda, duula waraanaa bal’aa fi milkaa’aa gaggeessuun tarkaanfii Al-Shabaab irratti fudhataniin olaantummaa gonfatanii ture.Haa ta’u malee, injifannoowwan argaman keessaa baay’een isaanii boodarra harkaa kan bahan yoo ta’u, gareen finciltoota kun ammallee kutaalee giddu-galeessaa fi kibba Somaaliyaa bal’aa ta’an to’annoo isaa jala akka oolfatetti jira.
Loltootni Somaaliyaa suuta jedhanii itti gaafatamummaa nageenyaa fudhachuu qabu turan, garuu kun ta’aa hin jiru. Hoggantoota siyaasaa waraana irratti yeroon isaanii qabamuun akka hin milkoofne ta’uu,Zakkaariyaas Bashaa qorataan dhaabbata falaasama ‘Amani Africa’ kan Itoophiyaa keessaa hima.
Maddi Odeeffannoo keenyaa AFP

Oduu

AMECO Hirkoo