Yaa’iin Mana Maree Hojii Milkaa’aan Hojjetamuu Mirkaneesse

Manni maree Bulchinsa Sablammii Oromoo Yaa’ii Idilee 28ffaa Marsaa 5ffaa isaa gaggeesseen gabaasa raawwii kan bara 2018 dhaggeeffachuun ciminoota jiran itti fufsiisuufi banaa jiran akka sirraa’u kallattii kaa’era. Manni marichaa karoora bara bajataa 2018 irrattis mari’ateera. Bara 2019tti dhimmota nageenyaa, misoomaafi hawaasummaan milkaa’ina eegamu galmaan ga’uuf marii bal’aa gaggeessaniiru.

Afa-Yaa’iin Mana Maree Bulchinsa Sablammii Oromoo Aadde Faaxumaa Mollaa haasaa taasisaniin qaamoleen garee finxaaleyyiitti dabalamanii bosona keessa taa’uun nageenya booressaa turan hirmaannaa hawaasaafi qaamolee callisaan gara nagaatti akka deebi’an taasifamuu ibsan. Keessumaa Aanaa Dawwee Harawwaatti nageenyi waaraan akka bu’uuf hojii bal’aan hojjetamuu himan.

Muummichi Ministira Dr.Abiyyii Ahimad xiyyeeffannoo guddaa kennuun godinicha dawwchuun hojiin nageenyaafi misoomaa akka hojjetamu

jajjabeessuufi ogeessotaan deeggarsi akka taasifamu taasisaniin bulchinsi sablammichaa hojii hedduu milkeessuus himan. Keessummaa gaaffiin bu’uuraalee misoomaa kan akka daandii asfaaltii Magaalaa Kamisee, bishaan dhugaatii Aanaa Dawwaa Caffaa, Ganda Billiidaa,Haroo Baaqeloofi Garbii deebii kan argatan yoo ta’u;Aanaa Jillee Dhummuugaa irraa Gandi Garbii, Mudhii Waaccuu,Garbii Dirree Galmaa,Funyaan Dambii ,Mudhii Faca’aafi Izgiyyee yoo ta’an Aanaa Arxummaa Fursii Iddoo Madiinee gara hojiitti kan galame yoo ta’uufi gaaffii yeroo dheeraa hawaasni gaafate deebii argatan ta’uu himan.

Gaaffileen ibsaa gandootni Bulchinsa Sablammii Oromoo kaasan hedduun isaanii deebii kan argatan ta’uus Aadde Faaxumaan yaa’ii mana mareef ibsaniiru. Dabalataanis kuduraafi muduraan bal’inaan misoomee hawaasni akka fayyadamoo ta’an taasifameera jedhan.Misoomni muuzii tuteeffamaan Aanaa Dawwaa Caffaa, Jillee Dhummuugaafi Magaalaa Kamiseetti hojjetaman qonnaan bultootni galii gaarii akka argatan kanneen taasisan ta’uus himan. Tuteeffama Maangoo,avokaadoofi paappayyaan immoo Aanaaleen akka Arxummaa Fursiifi Baatee fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.

Miseensa Mana Maree Bulchinsa Sablammii Oromoo kan ta’an Aadde Ashiraqaa Bakirii manni marichaa raawwii hojiilee hanga gandaatti gadi bu’uun hordofaafi deeggaraa turuu kaasuun ,hordoffii taasisaniin bu’aa gaariin galmaa’uus himan.Piroojektoota misoomaa hedduun ijaaramanii xumuramuun bara eebbifamuun hojiitti galaniifi gaaffileen misoomaa hedduun deebii kan itti argatan ta’uu kan ibsan immoo miseensa mana marichaa Obbo Sayid Aliiti.Gama Nageenyaan hojiin hojjetames kan nama gammachiisu ta’uufi itti fufunsa isaaf deeggarsi walirraa hin citne barbaachisaa ta’uus hubachiisan.

Bulchaa Olaanaan Bulchinsa Sablammii Oromoo Obbo Ahimad Alii bara kana hojii qonnaa bifa qulqullina qabuun lafa hektaara kuma shantamii sadiifi dhibba sadii fi 68 irratti kan misoomsameefi galteewwan qonnaa ilaalchisee, karoora qabamee olitti raabsaan  dhibbeentaa dhibba tokkoofi 14.98 ta’uus ibsan. Dhiyeessiin Sanyii filatamaa karooraa ol dhibbeentaa 25.2 raabsamuu kaasanii,mala qonnaa ammayyeessuuf hojiin bal’aan hojjetamuun bara kana lafa qonnaa misoome keessaa hektaarri kuma digdamii afuriifi dhibba dhibba torbaafi saddeettamii shan  tiraakteeraan kan qotameee ta’uus himan. Kunis sagantaa makaanayizeeshinii mala qonnaa ammayyeessuuf taasifamaa jiru milkeessuu keessatti gahee olaanoo kan taphate tahuu eerameera.

Gama damee jallisiitiin milkaa’ina gaarii galmeessuun, karoora qabamee ol oomisha kuntaala miliyoona sadiifi kuma dhibba sagaliifi kuma shantamii shaniifi 14, dhibbeentaan dhibba tokkofi 12  raawachuu yaadachiisanii, qamadiin bonaa oomishamees hektaara tokko irraa callaan kuntaala 26.7 argamuus ibsan.

Odaa Likkiisaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo