Dhiyeessii Galchoo Buufata Fayyaa Magaala Kamisee

Dhaabbileen fayyaa dhimma ijoo dhalli namaa jireenya isaa itti fufsiisuuf hundeessee ogeessota ogummaa yaalaa fayyaa qaban achirratti qacaruun ittiin tajaajilamudha. Sadarkaa Addunyaatti fayyaa uummata addunyaa eeguuf Dhabbata Fayyaa Addunyaa hundeessuun kenninsa tajaajila fayyaa biyyoota addunyaa maraaf kennaa jiru.Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhaabbileen fayyaa hulaagaa guuttachuu qaban kaa’uun tajaajila akka kennan hordoffii taasisa. Hulaagaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaan kaa’aman bu’uura godhachuun Ministeerri fayyaa biyya keenyaa buufataaleen fayyaa tajaajila fayyaa guutuu ta’e hawaasaa akka kennan dhiyeessii tajaajila fayyaa guutuun tajaajila akka kennan taasisaa jira.
Buufanni Fayyaa Magaalaa Kamisee jiraattota Magaalaa Kamiseefi naannawaa isheef tajaajila fayyaa daa’imman irraa hanga manguddootti kennaa jira. Buufanni fayyaa kun dhiyeessii meeshaaleefi qorichaa isa mudatan Biiroo Fayyaa Naannoo Amaaaraa waliin dubbachuun furachaa tajaajila fayyaa guutuu kennaa jira.Hawaasni tajaajila fayyaa qulqulluu, saffisaafi ammayyaa qabu yeroo, humnaafi baasii isaa qusachuun fayyaa isaa akka kunuunfatu ga’ee isaas bahachaa jira. Kanaafis dhaabbileen kenninsa tajaajila fayyaa ammayyaa’aafi qulqullina qabu kennuun fayyaa hawaasaa eeguuf shoora olaanaa qaba. Buufanni Fayyaa Magaalaa Kamisees kenna tajaajila fayyaa hawaasaa irratti haala ammayyaa, si’ataafi qulqullina qabuun lubbuu hawaasaa tiksaa jira. Keessumaayyuu dhiyeessiin qorichaa, meeshaaleen yaalaa ammayyaafi kenninsi tajaajila hawaasaa saffisaa ta’uu isaatiin hawaasni itti quufinsa tajaajilaa argachaa jira.
Yaalamaan Buufata Fayyaa Magaalaa Kamisee Obbo Mahammad Ahimad akka jedhanitti, buufatichi tajaajila qulqulluufi saffisaa kennuun hawaasa biratti fudhatama guddaa argachuu ibsaniiru. Simannaan kutaa kaardii irraa eegalee hanga kutaa yaalaa jiru gaarii ta’uu himanii, hojjettoonni fayyaa kabajaafi naamuusa gaariidhaan ;daa’imman, haadholiin ulfaa, maanguddoonniifi namoonni dhibee tasaatiin qabaman dursa argatanii yaalamaa jiraachuus kaasaniiru.
Wayita waraanni kaabaa Magaalaa kamisee ga’e meehaalee yaalaa fayyaafi qorichootni saamamanis yeroo gabaabaa keessatti Biiroon Fayyaa Naannoo Amaraa guutuufiin tajaajila akka kennu taasiseera. “Yeroo ammaa qorichoonni ogeeyyonni yaalaa ajajanis buufatichuma keessatti argamuu eeraniiru. Kanaaf qoricha barbaacha gara mana qorichaa dhuunfaa yookaan naannoo biraatti deemuun baasii dabalataa baasuuf hin saaxilamnu” jedhan. Dabalataanis meeshaaleen yaalaa ammayyaa kan akka Altiraa saawundii(Ultrasound), Eksi reeyii (X-Ray) fi Laaboraatoorii buufaticha keessatti argamuun qorannoofi yaalaaf gara hospitaalaa yookaan naannoo biraatti deemuun akka hafe ibsan.
Obbo Bulchaa Kabbaadaa ogeessa fayyaa Buufata Fayyaa Magaalaa Kamiseeti; Buufanni kun deeggarsoota adda addaa hawaasaaf taasisaa jirachuuhiman. keessattuu tajaajila waldhaansaa fi kenninsa tajaajilaa yaalaamaaf kennuufi hubannoo hordoffii yaalaa fayyaafi ittisa dhibee irratti hawaasaaf hubannoo kan kennan ta’uu himan. Kenninsi tajaajila fayyaa isaan kennanis meeshaalee teeknoolojii ammayyaattiin fayyadamuun yaaluu fi qorichoota barbaachiisoonis bufata fayyichaa keesatti kan argaman ta’uus kaasuun; buufata keessatti qofa osoo hin taanee hanga gandaatti gadi bu’uun mana manatti deemuun hojjechaa jiraachuus himan.
Itti Gaafatamaan Buufata Fayyaa Magaalaa Kamisee Obbo Indiris, buufanni fayyaa kun bara 1967 hundeeffamee hanga ammaatti hawaasa tajaajilaa turuu ibsaniiru. Waggoota muraasa darban keessa garuu deeggarsa mootummaafi hojii ciminaan hojjetameen tajaajilli isaa daran fooyya’uu dubbataniiru. Yeroo amma kanas buufatichi namoota kuma 57 fi 560 oliif tajaajila fayyaa kennaa jiraachuu ibsaniiru. Ogeeyyonni fayyaa 111 ta’anis damee adda addaatiin hawaasa tajaajilaa jiru jedhaniiru. Obbo Indiris akka jedhanitti, yeroo darban hanqinni meeshaalee yaalaa fi qorichaa muudatee waan tureef hawaasni gara hospitaalotaafi buufata fayyaa bakkeelee birootti imalee yaalamaa turuu kaasuun;amma garuu meeshaaleen akka eksi reeyii(X-Ray) kan dhibee keessoo ittiin qoratan, Altiraasaawundii (Ultrasound) kan dhibee keessoofi waan keessa jiru ittii ilaalan, kan dhiiqa ittiin qoratan (CBC) fi tajaajiloonni laaboraatoorii guutummaatti buufatichaaf guutamuun tajaajilaaf oolaa jiraachuu himaniiru.
Dhiyeessiin qorichaas fooyya’uun hawaasni bakka tokkotti tajaajila guutuu argachaa akka jirus kaasaniiru. Buufataalee fayyaa Bulchiinsa Sab-Lammii Oromootti argaman keessaa Buufanni Fayyaa Magaalaa Kamisee hojii fi qulqullina tajaajilaatiin sadarkaa gaarii irratti akka argamu obbo Indiris ibsaniiru. Keessumaa daa’imman, dubartoota ulfaa, maanguddootaa fi namoota dhibee tasaatiin qabamaniif dursa kennuun tajaajila kennuun tajaajilaa jiraachuu himan. Dabalataanis buufanni fayyaa kun gara fuulduraatti qixa hospitaalaatti tajaajila bal’aa kennuuf babal’ina bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessa meeshaalee yaalaa ammayyaafi qorichaa cimsuun hawaasni yaala barbaacha gara bakkee biraatti akka hin deemneef hojjechaa jiraachuus himan.
Itti Gaafatamaan waajjira Fayyaa Magaalaa Kamisee Obbo Usmaan Aliyyii akka jedhanitti,buufanni fayyichaa yaalamtoota kuma 57 fi 560 tajaajila keennuudhaaf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibsan.Hanga ammas yaalamtoota kuma dhibba tokkoofi 85 oliif tajaajila kennuu danda’us yaada nuuf kennaniin ibsan.
Dhiyeessa meeeshaalee akka laaboraatoorii, Altiraasaawundii,Eksireeyii fi kanneen biroos waggoota darban keessa gahan akka hin jirree fi kenninsa tajaajilaatiin gadi aanaarraa akka ture yaadachiisuun,yeroo ammaa kana meeshaaleen tajaajila fayyaatiif guutamuu qaban guutamuun tajaajila si’ataa fi fooyya’aa ta’e akka kennamu taasisuun danda’muu kaasaniiru. Keessattuu du’a haadhoollifi daa’immannii hir’isuuf qorannoo hordoffii ulfaa barbaachisaa taasisuun du’a hadholii sababa dahumsaan mudatu hambisuu himan. Meeshaaleen Yaalaa fayyaa guutamuun tajaajila fayyaa qulqulluufi si’ataa ta’e kennuuf akka isaan gargaare himan.
“Meeshaalee yaala fayyaan walqabaatu qorannoo dhiigaaf oolu kan akka CBC, buufata fayyaa keenya keessatti kan argamuufi tajaajila fayyaa kennaa jiru. Bara sadii dura ogeessoota akka narsiin yaalamaa kennaa turre; yeroo amma kana garuu doktera fayyaa qacaruun bu’aa CBC, altiraasaawundiifi meeshaa adda baasuun yaalamtoota keenya bira gahaa jirra” jedhan.
Buufanni Fayyaa Magaalaa Kamisee gidduugala aanaaleefi magaalota hedduu waan taateef yaalamtootni hedduun achitti yaala fayyaa argatu.Komii hawaasni kenninsa tajaajilaa irratti kaasan hatattamaan akka deebii argatuuf kutaan komii dhageettii jiraachuun tajaajila ariifataafi qulqulluu kennuuf kan gargaare ta’uus himan. Koree kantiibaa bulchiinsa magaalaa wajjiin mari’achuun hanqinaalee gara humna namaatiin hawaasni kaasaa turan guutamee argamuu isaas dubbataniiru.
Buufanni Fayyaa Magaalaa Kamisee guyyaatti namoota 250-300 akka keessumeessuus ibsaniiru.Gama dhiyeessi qorichaatiin bara kana qarshii miliyoona 15 sassabamuu isaas dubbataniiruu. Kana malees qarshii miliyoonni 12 bittaa qorichaatiif ooluu isaas himuun dhibbeentaa 97 dhiyeessi buufata fayyaarratti akka argamuu taasisaa jiraachuu himan. Fayyadamtoota wabii fayyaa dijitaala taasisuun namni kamuu dabtara wabii yaalaa qabatee yoo dhaqe bifa salphaadhaan miseensa wabii fayyaa isa kompiyuutara keessaa ilaaluun tajaajilamaaf tajaajila kennaa jiraachuu himan.

Geexee Gizaaw

Oduu

AMECO Hirkoo