Waldhabdeen Mariin Furamuu Qaba

Dhalli namaa bineensota biroo irraa kan adda ta’u afaan ittiin walii galuufi mari’atee rakkoo yookiin wal dhabdee gidduu isaa jiru furachuunidha. Namummaa dhugaanis miidhaa dhufuu malu dursanii itti yaaduun miidhaa sana hambisuuf beekumsaafi dandeettii qabanitti fayyadamanii walii galuudha.
Taa’anii mari’achuu dhabuun biyyootni garaa garummaa isaanii humnaan furachuu barbaadan hedduun isaanii lubbuu lammiilee balleessuufi qabeenya barbadeessuun godaannisa seenaa dhalootaaf dabarsan hedduudha.

Biyya keenya keessatti rakkoo bulchinsa gaariifi gaaffii walqixxummaa lammiin biyya keenyaa qaban karaa mariin deebi’uu otoo qabuu humnaafi hidhannoon deebisuuf sochiin taasifamaa ture abdii biyyattii kan ta’an kichuu baay’ee karaatti hambiseera. Qabsoon karaa hidhannootiin taasifamaa ture biyyattiin diinagdeen duubatti akka deebituufi dimokiraasin akka hin jiraanne taasise waan ta’eef hidhannoon qabsaa’uun barbaachisaa miti.

Qabsoon hidhannootiin aangoo walharkaa fudhachuuf taasifamu lammiileen biyyattii lubbuu isaanii akka dhaban taasiseera. Walshakkiin sabaafi amantaa gidduutti akka uumamu gochuun tokkummaan biyyaalessaa akka laaffatuu taasisuun diinota Itoophiyaaf karaa saaqaa tureera. Qabsoon hidhannoo kan barri itti darbe kun yoo yeroon hin dhaabanne biyyaafi lammiin qabsaa’aaf jedhan diinota biyyattiif dabarsee kennuu mala.

Bakkeelee Itoophiyaa keessaa hidhannoon qabsaa’aa jiran baruufi barsiisuun dhaabatee jira. Kun immoo dhalootni boru saba sana bakka bu’ee fuulduratti tarkaanfachiisu akka hin jiraanne taasisaa jira. Namni hin baranne waa’ee bilisummaa biyya isaa miti akkaataa itti jiraatu beekuun iyyuu ulfaataadha. Dhaloota baratee rakkoo waldhabdee mudatu furuu danda’u uumuuf nagaanyaaf dursa kennuun lammiin akka baratan gochuun dirqamadha.

Utubaa jiruufi jireenya biyya keenyaa kan ta’e qonnaan bulaan sababa walwaraansa qaamolee hidhataniifi mootummaa gidduutti taasifamuun oomishaafi oomishtummaa isaa dhiisee baqataa ta’eef, hirkattummaa wabii midhaan nyaataafi qaala’insa jireenyaaf saaxilameera. Qabsoon lammiilee qe’ee dhabeessaafi hirkattummaa taasisu yeroon itti yaadamuun dhaabachuun lammiileef dursa kennuun barbaachisaadha.

Sababa waraanaan haadholiifi daa’imman mana yaalaa dhabuun manatti miidhaan irra ga’aa jiru inni ijoon walwaraansa keessootini.wal waraansa keessoofi hidhannoon qabsoon taasifamu lubbuu lammiilee galaafachuufi diinagdee biyyaa quucarsuun ala faayidaa biyyaaf hin qabu.
Waldhabdeefi garaa garummaan marii qofaan furamuu qaba. Waraanaan injifataafi injifatamaan hin jiru. Walwaraansa keessatti kan injifatau diinota Itoophiyaafi daldaltoota dhiigaa qofadha. Garaa garummaan yaadaa kamiyyuu mariifi marabbaan, elaafi elaameen furamuu qaba. Wayita biyyootni qarooman bineensota madaksanii waliigalanii waliin jiraataa jiranitti lammiileen biyya keenyaa, obboleessi obboleessa isaa waliin mari’atee rakkoo isaa furachuu dhabuun salphina guddaadha. Qaamni hunduu biyyaaf jedha nageenyaaf dursa kennuun rakkoo jiru mariin furuu qabaan yaada keenyadha.

Oduu

AMECO Hirkoo