Biyya tokkoof nageenyi bu’uura waan hundaati. Nageenyi yoo jiraate, hawaasni nagaan jiraata, qabeenya balaaf saaxilamuu irraa eega, misoomaafi diinagdee saffisiisaa, barnootaafi fayyaa cimsa, akkasumas waliin jireenya hawaasaafi tasgabbii biyyaalessaa mirkaneessa. Nageenya waaraa mirkaneessuu kan danda’u immoo mootummaa qofa osoo hin taane, gaheefi itti gaafatamummaa qaamoleen hawaasaa garaagaraa, Keessumaa immoo gaheen hayyootaa murteessadha. Hayyoonni beekumsa, muuxannoofi dandeettii qorannoo qaban fayyadamuun sababoota walitti bu’iinsaa adda baasuu, rakkoolee hawaasummaafi siyaasaa irratti furmaata waaraa barbaaduu, akkasumas hawaasaaf hubannoo nageenyaa uumuu keessatti gahee olaanaa qabu.
Barsiisaafi hayyuu afaanii kan ta’an Mootii Gurmeessaa, hayyuu jechuun barsiisaa qofa osoo hin taane, nama ogummaafi beekumsa qabuun uummata isaa tajaajilu akka ta’e ibsaniiru. “Manni utubaa hin qabne akkuma jigu, biyyi ogummaafi beekumsa hayyootaan hin ijaaramne ni diigamti,” jedhan. Gaheen hayyoonni ijaarsaafi nageenya biyyaa keessatti qaban guddaa ta’uu dubbatan. Hayyoonni beekumsa isaanii ofii isaaniif qofa fayyadamuu osoo hin taane, dhaloota barsiisuu, hawaasaaf kallattii agarsiisuufi rakkoolee hawaasaa irratti furmaata barbaaduun utubaa ijaarsa biyyaa ta’uun tajaajiluu akka qaban gorsaniiru. Hayyuun kun akka jedhanitti, biyya keenya keessaatti balaa itti fayyadama miidiyaa hawaasaatiin dhufan hir’isuufillee gaheen hayyootaa barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Barsiisaa Yuniversiitii Salaalee Kaaffalee Makonnin, gama isaaniin hayyoonni dhimmoota nageenyaa, jaalalaa, araaraafi nagaa waaraa buusuu keessatti gahee olaanaa akka qaban ibsan. Hayyuun uummata qajeelchuu, tiksuufi gara hojii gaariitti kakaasuu keessatti shoora oolaanaa qabaachuu ibsaniiru. Kunis yeroo rakkoon uumamu callisanii ilaalu osoo hin taane, sababa rakkoo sanaa adda baasuun hawaasa gara araaraafi waliigaltee fiduutti hojjechuu akka qaban himaniiru. Keessumaa yeroo walitti bu’iinsi uumamu, hayyoonni odeeffannoo sirrii kennuun, miira jibbaafi haaloo hir’isuun, uummata gara nagaafi waliigalteetti qajeelchuu danda’uu qabu jechuun dhaamaniiru.
Barsiisaa Daani’eel Gizaw immoo Akka jedhanitti, hayyoonni ijaarsa nageenya biyyaalessaa keessatti akka riqichaa ce’umsaatti tajaajiluu akka danda’an ibsan. Riqichi bakka adda addaa wal qunnamsiisuu akkuma ta’e, hayyoonnis gareewwan, yaadotaafi ilaalchawwan garaagaraa qaban walitti fiduun gara nageenya waaraatti kan ceesisani ta’ii ibsan. Kan gorfamuu qabu gorsuu, kan jajjabeeffamuu qabu jajjabeessuu, waan hawaasaaf miidhaa qabu sirreessuufi garaagarummaa yaadaa dhiphisuun gara tokkummaatti fiduu keessatti gaheen hayyootaa bakka bu’aa kan hin qabne ta’uu kaasaniiru. Kanaaf hayyoonni yeroo rakkoo keessatti sagalee madaalawaa ta’uun hawaasaaf kallattii sirrii agarsiisuu qabu jedhaniiru.
Gaazexeessaan Biruuk Tashoomaa biyya tokko keessatti gaheen hayyootaa olaanaa ta’uu kaasuun, Itoophiyaattis hayyoonni gama garaagaraatiin hojii bal’aa hojjechaa turuufi ammas hojjechaa jiraachuu ibse. “Guddinni biyya tokkoo qabeenya uumamaa qofa irratti kan hundaa’u miti; beekumsa, kalaqa, qorannoofi dandeettii namaa irrattiis hundaa’a. Kanaaf, hayyoonni beekumsa isaanii dhimma nageenyaa qofaaf osoo hin taane; diinagdee, barnoota, tekinooloojii, bulchiinsa gaariifi misooma hawaasaatiif oolchuun biyya isaanii gara fuulduraatti ceesisuu danda’u qabu,”jedhaniiru. Itti dabaluunis, hayyoonni gosonni hojii isaanii gargar ta’ullee, gaheen isaanii inni guddaan biyyaa gama hundaaman ceesisuu akka ta’es eeraniiru. Marii Biyyooleessaa biyyi keenya gaggeessite harka hayyoota keessa jiraachuu kan eere Gaazexeessan kun, hayyoonni kunneen marii kana milkeessuu akka qabaniifis dhaamsa dabarsaniiru.
Bara dijitaalaafi teekinooloojii kana keessatti immoo gaheen hayyoonni itti fayyadama miidiyaa hawaasaa sirrii ta’e barsiisuufi hawaasaaf hubannoo uumuu keessatti qaban murteessaa ta’uu kan eere immoo Gaazexeessaa Mandaraa Margaati. Itti fayyadama Miidiyaa hawaasaa sirrii barsiisuu keessattis hayyoonni gahee adda duree qabaachuu ibseera. Miidiyaan hawaasaa odeeffannoo saffisaan dabarsuuf, barnootaafi faayidaa biroo hedduu qabaatanillee, seeran ala kan itti fayyadaman yoo ta’es, biyya tokko diigumsaaf saaxiluu akka danda’u ibse. Odeeffannoo sobaafi haasaa jibbinsaa ittisuu irratti gaheen hayyoota murteessaa ta’uu kaasee, dhaloota hubachiisuun ,gorsuuniifi barsiisuun dhaloonni kun miidiyaa hawaasaa gaarummaaf qofa akka itti fayyadaman taasisuu akka qaban dhaameera.
Walumaagalatti, nageenya waaraa fiduufi biyya ijaaruun gahee mootummaa qofti gahaa miti. Beekumsi, ogummaan, muuxannooniifi beekumsi hayyootaa biyya ijaaruufi nageenya waaressuuf murteessaadha. Hayyoonni qorannoo gaggeessuun sababoota walitti bu’iinsaa adda baasuu, mariifi araara jajjabeessuu, dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uu, odeeffannoo sirrii tamsaasuufi hawaasa gara tokkummaafi waliin jireenyaatti qajeelchuu qabu. Kanaaf, hayyoonni utubaa beekumsaa qofa osoo hin taane, riqicha nagaa, araaraa, tokkummaafi ijaarsa biyyaati.
Odaa Likkiisaatiin


