Waltajjiin gamaggama raawwii hojiiwwan paartiifi mootummaa bara baajataa 2018fi hubannoon karoora bara baajataa 2019 hoggantoota olaanoofi giddu-galeessaa Naannoo Amaaraan gaggeeffame.
Waltajjii kanarratti argamuun ergaa kan dabarsan Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan Qindeessaa Wiirtuu Ijaarsa Sirna Dimokiraasiifi Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa, Obbo Adam Faaraah, Uummanni Naannoo Amaaraa tokkummaa biyyaatiif, kabaja sirna mootummaatiifi ijaarsa biyyaatiif aarsaa kaffalaa kan tureefi ammas kaffalaa kan jiru ta’u ibsaniiru. Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu naannicha cimee itti fufuu kan dubbatan Obbo Adam, nageenya waaraa naannichaa mirkaneessuuf haala jiru gamaggamuufi odeeffannoo irratti hundaa’uun hojii seera kabachiisuu hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Bulchaan Olaanaa Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadee, rakkoo nageenyaa naannichaa karaa itti fufiinsa qabuun furuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Godinoonni qindoominaan yoo hojjetan, sochiifi badii gareewwan finxaaleeyyii dhaabuun akka danda’amu ibsaniiru. Itti dabaluunis,“Uummanni gareewwan finxaaleeyyii jibbaan balaaleffateera; humna uummataa kana sirnaan fayyadamuun barbaachisaadha” jedhaniiru.
Pirojektoonni mootummaa federaalaafi mootummaa naannichaatiin jalqabaman bu’a qabeessa ta’anii akka raawwatamaniif, nageenya mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu kan kaasan Obbo Araggaan, rakkoo nageenyaa furuun pirojaktoonni jalqabaman akka xumuramaniif hojjetamaa jiraachuus himan.
Waltajjii kanarrattis hojiiwwan dameewwan misoomaa garagaraatiin bara baajataa 2018 keessa hojjetamaa turan gamaggamameera. Itti gaafatamaan Biiroo Magaalaafi Bu’uuraalee misoomaa Naannoo Amaaraa, Mollaa Malkaamuu (Dr), bara baajataa 2018 hojiiwwan misooma koriidarii bal’inaan magaalaa gurguddoo naannichaatti hojjetamuu ibsaniiru. Pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa idilee dhibbeentaa 95 xumuramuu kaasaniiru. Rakkoo mana jireenyaa hawaasaa furuuf lafa heektaara 150 magaalota 18 keessatti qophaa’e irratti gama mootummaan, dhuunfaan, mana waliiniifi waldaalee hojii gamtaan saffisaan manneen kuma dhibba tokkoofi kuma sadddeetii ol ijaaramuu ibsaniiru.
Itti Gaafatamaan Biiroo Maallaqaa Naannoo Amaaraa, Obbo Attaalaay Xilaahuun, raawwiin bara baajataa 2018 kan bara darbee caalaa galmaa’uu ibsaniiru. Haalli nageenyaa naannichaa galii yaadame walitti qabuurratti gufuu ta’us, dhaabbileen qormaata mudate irra aanuun galii sassaabuu danda’uu isaanii eeraniiru. Bara baajataa 2018’tti waliigalteewwan tumsa dhaabbilee adda addaa waliin taasifameen mootummaa naannichaaf tilmaamaan birrii biiliyoona kudha saddeet galii ta’uu kan ibsan itti-gaafatamichi, dhiheessiin faayinaansii misoomaa baajata mootummaa qofaan galma gahuu waan hin dandeenyeef bara baajataa darbetti birrii biiliyoona digdamii shan uummata irraa walitti qabamuun danda’uu ibsan.
Sadarkaa Ittaanaa Bulchaa Olaanaatti Qondeessituun Damee Hawaasummaa, Mulunash Dassee (Dr), qormaanni jiraatus, misoomaafi nageenya uummata naannichaa mirkaneessuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e raawwatamuu ibsaniiru. Keessattuu hojiin dhaqqabummaa kenniinsa tajaajilaafi qulqullina guddisuu hojjetameera jedhan.
Itti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Obbo Darajjee Maandafiroo, guddina oomisha waliigalaa biyyaa keessaa, naannichatti galmaa’e keessa dhibbeentaa 7.9 keessaa gaheen damee qonnaa dhibbeentaa 5.5 ol ta’uu ibsaniiru.
Sirna bulchiinsa lafaa baadiyyaafi magaalaa ammayyeessuu, akkasumas odeeffannoo lafaa karaa dijitaalaa gurmeessuu irratti bu’aa gaarii galmaa’uu kan kaasan immoo Itti gaafatamaa Biiroo Lafaa Naannoo Amaaraa, Obbo Sisaay Daamxeeti. Kunis tajaajila saffisaa, iftoominaafi haqa qabeessa ta’e uummataaf dhaqqabamaa gochuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Abbootiifi haadholii maatii hedduuf ragaa Kaadaastariifi ragaa abbaa qabiyyee lafaa kennuun, mirga lammiileen lafarratti qaban mirga abbummaafi itti fayyadama lafaa seeraan mirkaneessuun akka danda’ame eeraniiru.
Dameen Miidiyaafi Kominikeeshinii nageenyaafi misoomni naannichaa akka mirkanaa’uuf gahee isaa bahachaa turuu kan ibsan immoo itti gaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Amaaraa, obbo Abbaay Mangisteeti.


