Itoophiyaan biyoota Addunyaa dhaha mataa isaanii qaban muraasa keessaa tokko taatee kan ji’aata waggaa 13ffa qofaa isheen qabdudha. Sirni lakkoofsaa kun ji’ootni waggaa 12 tokkoon tokkoo isaanii guyyoota 30 kan qaban yoo ta’u jiini 13ffaan kan Qaammee jedhamuun beekamu guyyoota 5n of keessaa qaba. Qaammeen waggaa 4tti altokko guyyoota ja’aan kan ooluufi waggaa dhibba ja’atti altokko guyyaa torba akka qabu hayyootni dhahaa Itoophiyaa ni ibsu.
Guyyootan Qaammee maqaa itti moggaasuun karooraafi hawwii mootummaan raawwachuuf qabuun kabajuun erga eegalee oolee bubbuleera. Bara kanas Deetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa kennaniin Guyyootni Qaammee moggaasuun kabajuuf qophiin taasifamuu ibsan.
Qaammee 1: Guyyaa Oomishtummaa jedhamuun kan moggaafame yoo ta’u.guyyaan kun Itoophiyaan imala guddina suuta-suutaa keessaa bahuun milkaa’ina guddaa itti galmeessite kan itti yaadatamudha. Keessattuu, jijjiirama bu’uuraa Itoophiyaan galmeessiste kan itti kabajamu ta’uu eeraniiru.
Qaammee 2: Guyyaa Olka’iinsaa jedhamuun kan moggaafame yoo ta’u guyyaan kun imala Itoophiyaan gara guddina diinagdee fi hawaasummaa hundagaleessaatti cehuu ishee agarsiisu dhiyeessuun kan kabajamudha. Itoophiyaan hudhaa duubatti ishee harkisu keessaa kan baatuufi deebitee mudhii itti hidhachuun kallattii haaraa qabachuun ishee kan itti mul’atudha.
Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa jedhamuun kan moggaafame yoo ta’u,guyyaan kun obsaafi cichoomina seenaawaa itti fufsiisuu kan itti agarsiisnudha. Guyyaan Cichoominaa Gootonni kan itti yaadatamanii fi Gootonni haaraan kan itti uumaman ta’uu ibsaniiru. Guyyaa sana ganama sa’aatii 12:00 (obboroon) irratti sagantaan alaabaa ol kaasuu kan raawwatamu ta’uus ibsaniiru.
Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa jedhamuun kan moggaafame yoo ta’u gochaawwan tokkummaa cimsuun kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Taateewwan aadaa tumsaa fi marii gabbisaniin kan kabajamu ta’uu dubbataniiru. Guyyaa sana namoota kuma 150’f tajaajilli fayyaa tolaa kan kennamu ta’uu eeraniiru. Ispoortiin, deeggarsi barattootaa, nyaata qooddachuu fi dhiiga arjoojuun gochaawwan guyyaa sana raawwataman keessaa kan eeramanidha.
Qaammee 5: Guyyaa Egeree jedhamuun kan moggaafame yoo ta’u; qophiilee bu’uura misooma dijiitaalaafi ammayyummaa hubannoo namtolchee (AI) bu’uura godhataniin kan kabajamu ta’uu dubbataniiru.


