Hanqinni roobaafi ho’i aduu dabalaa dhufuun guddinaafi oomisha midhaanii irratti dhiibbaa uumuun, ilbiisotaafi dhukkuboota midhaanii babal’achuuf haala mijataa uuma.
Aanaa Jiilee Dhummugaattis haalli qilleensaa guddinaafi oomisha midhaanii irratti dhiibbaa uumuun, ilbiisotaafi dhukkubootni midhaanii akka babal’atan haala mijataa uumuu danda’a. Kanaaf, qonnaan bultoonni midhaan isaanii miidhaa kana irraa baraaruuf ooyiruu isaanii yeroo yeroon sakatta’uun, mallattoo ilbiisotaafi dhukkubaa dursanii adda baasuun tarkaanfii ittisaa sirrii fudhachuu irratti xiyyeeffannoon hojjecha jiru.
Jiraataan Aanaa Jiilee Dhummugaa Ganda Garbii Dirree Galmaa Obbo Mahaammad Muusaa jedhanitti, hanqina roobaa yeroo ammaa mudateen oomisha qonnaa irratti yaaddoo guddaa uumaa akka jiru addeessanii, yeroo midhaan rooba gahaa barbaadu kanatti roobni addaan cituufi ho’i aduu dabalaa dhufuun, farreen midhaanii kan akka girrisaa, korophisaafi hoomaa awwaannisaa akkasumas dhukkuboota midhaanii akka waagiifi buqqaataa babal’achuuf haala mijataa uumee midhaan irrattis miidhaa geessisaa jiraachuu ibsan.
Rakkoo kana furuuf gama Waajjira Qonnaatiin gorsa ogeessaa, keemikaalota farra ilbiisaafi qorichoota farra dhibee midhaanii, akkasumas mala aadaa qonnaan bultoonni itti fayyadaman dabalatee oomisha qonnaa eeguuf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhatamaa jiraachuu Obbo Mahaammad Muusaan himan.
Ilbiisotni farra miidhaanii yeroo mudatan qonnaan bulaan saffisaan gara ogeessa qonnaa deemuun mariisiisuun tarkaanfii sirrii argachuun oomisha dhukkuuboota kanarraa baraaruu akka qaban gorsu.
Hanqinni roobaafi aduu cimaan haala qilleensaa jijjiiruun guddina, oomishtummaafi qulqullina midhaanii irratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Haalli qilleensaa akkanaa midhaan dadhabsiisuun ilbiisota miidhaa geessisaniifi dhukkuboota midhaanii tokko tokko akka babal’atanis carraa uumuu danda’a. Kanaaf, yeroo hanqinni roobaafi ho’i cimaan mudatu qonnaan bultoonni haala midhaan isaanii yeroo yeroon hordofuufi tarkaanfiiwwan ittisaa barbaachisoo fudhachuun oomisha isaanii eeguuf xiyyeeffannoo kennuu qabuu kan gorsan immoo ogeessa Qonnaa Aanaa Jillee Dhummuugaa Obbo Ahimad Abdallaa dha.
Yeroo hanqinni roobaafi ho’i cimaan mudatu, ilbiisotni midhaan miidhan kanneen akka hoomaa awwaannisaa, simbirroo girriisaa, geerriifi korophisaa salphumatti babal’achuu waan danda’aniif, qonnaan bultoonni ooyiruu isaanii yeroo yeroon sakatta’uu qabu. Baala, hundeefi damee midhaanii sirriitti hordofuudhaan mallattoolee akka baalli halluu jijjiirrachuu, goguu, xuuxamuu yookiin biqilaan laafuu yoo mul’ate, mallattoo dhukkubaa yookiin miidhaa ilbiisaa ta’uu beekuun ofeeggannoo taasisuu akka qaban eeruun, mallattooleen akkanaa yeroo jalqabatti mul’atanitti, miidhaa hamaan otoo hin dhaqqabiin ogeessota qonnaa mariisisuun, tarkaanfiiwwan ittisaafi to’annoo barbaachisaa hatattamaan fudhachuu qabu. Tarkaanfiin yeroo isaa eeggate fudhatamu kun midhaan miidhaa irraa baraaruufi oomishtummaa isaa eeguuf murteessaa ta’uu Obbo Ahimad ibsaniiru.
Gama Waajjira Qonnaatiin, rakkoolee ilbiisotaafi dhukkuboota midhaanii ittisuufi to’achuuf qonnaan bultootaaf hubannoofi gorsa ogummaa kennuu, hordoffii gandaa gandatti taasifamu cimsuufi bakka rakkoon itti hammaate daawwannaa gochuun tarkaanfiiwwan barbaachisoo fudhatamaa jiraachuu Obbo Abdallaan Muusaa Itti Gaafatamaan Waajjira Qannaa Aanaa Jillee Dhummuugaa ibsan. Qonnaan bultoonnis qorichoota farra ilbiisotaafi dhukkuboota midhaanii gorsa ogeeyyii qonnaatiin qofa fayyadamuun, uffataafi meeshaalee of-eeggannoo barbaachisaa ta’een biiffachuu qabu. Qajeelfama itti fayyadama qorichaa sirnaan hordofuu, meeshaalee ittiin biifan qulqulleessuufi naannoo hojii isaanii yeroo yeroon qulqulleessuun fayyaa ofii, midhaaniifi nageenya naannoo eeguun barbaachisaa ta’uus gorsan.
Geexee Gizaawutiin


