Hidhattoonni Waamicha Nageenya Fudhatan

Waamichi Nageenyaa Fudhatama Argachaa Dhufeera; Aanaa Faarxaa Keessatti Hidhattoonni Nageenya Filataniiru

Naannoo Amaaraa keessatti dhiyeenya kana hidhattoonni hedduun  filannoo nageenyaa fudhachaa jiru. Tibbana Godina  Goondar Kibbaa Aanaa Faarxaa keessatti hidhattoonni bosona keessa socho’aa turan filannoo nageenyaa fudhatan.

Itti Aanaan Hoogganaa Waajjira Nageenyaafi Callisaa Aanaa Faarxaa Ajajaa  Shantamaa Maaruu Admaas hojii qunnamtii ummataa cimsuunifi waamicha nageenyaa hidhate kanaaf dhihaachuun mariisisuudhaan hidhattoonni filannoo nageenyaa akka fudhatan gochuun danda’ameera jedhaniiru.

Tibbana guyyoota lama keessatti  hidhattoonni 32 filannoo nageenyaa fudhachuu isaaniis ibsanii jiru. Fuulduraas hidhattoonni bosona keessatti argaman filannoo nageenyaa akka fudhatan xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Hidhattoonni filannoo nageenyaa fudhatan diina seenaa uummata Amaaraa ta’e waliin hojjechuudhaan lammata uummata hin miidhu jedhanii filannoo nageenyaa fudhachuu isaaniis dubbataniiru.

Hawaasnis nageenya mirkaneessuuf gahee isaa bahaa akka jiru ibsan.

Oduu

AMECO Hirkoo