Qajeelchi Olaanaa Poolisii Naannoo Amaaraa Ayyaanni Masqalaa Milkaa’inaan Akka Kabajamu Qophii Gahaa Taasisuu Beeksise-

Qajeechi Poolisi Olaanaa Naannoo Amaaraa,ayyaanna masqalaa sababeeffachuun ibsa kenneera. Itti Aanaan Komishinara Jeneraala Qajeelcha Poolisii Olaanaa Naannoo Amaaraafi Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa  Ittisa Yakkaa, Abbabaa Wubee, ayyaanichi ibsituu nagaafi jaalalaa ta’uu ibsanii, Ayyaanni kun milkaa’inaan akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannichaa hirmaachisuun qophii gahaa taasisisuu ibsaniiru.
‎
Qaamolee nageenyaa qofa osoo hin taane, uummanni, dargaggoonniifi abbootiin amantaa hundi abbaantummaadhaan nageenya eegsisuu irratti akka hirmaatan gochuufis hojjetamaa jira jedhan. Keessumaa, naannolee itti Daamaraa  ibsamu keessatti dursee sakatta’iinsa barbaachisaa taasisuufi iddoowwan ayyaanichi itti kabajamu sirnaan qopheessuufi mijataa gochuuf hojjetamuu ibsaniiru. Uummanni nageenyaa ofii ofii isaa  akka eeggatu kan isa dandeessisu gurmaa’inna diriirsuun eeraniiruu.
‎
‎Ayyaanni Masqalaa yeroo lakkoofsi daawwattootaa itti dabalu ta’uu eeranii, yeroo ayyaanichaa turistoonni biyya keessaafi alaa naannicha keessa iddoo adda addaa yeroo dhufan sodaa nageenyaa tokko malee nagaan akka socho’aniifi ayyaanicha tasgabbiidhaan akka kabajatan xiyyeeffannoo addaa kennamaa jiraachuu dubbataniiru.
‎
‎Ayyaanicha karaa naga qabeessaan kabajuuf caasaalee nageenyaa waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Eegumsa nageenyaa idilee taasifamuun alattis gareen qorannoo addaa yeroo balaan tasaa mudatutti saffisaan deebii kennu danda’u hundaa’uu ibsaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo