US, UK fi Gamtaa Awurooppaa keessatti garee shororkeessaa jedhamee kan beekamu gareen Hamaas kaayyoon isaa Filisxeem walaboomte ijaaruu ta’uutu himama. Garichi kanuma dhugoomsuuf kan carraaqu akka ta’e ragaaleen ni mul’isu. Tibbana Israa’el Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf wantoota akka haaldureetti qabatte keessaa tokko Hamaas waraana akka hiikkatuuf ture. Guyyoota muraasa darban mootummoonni Arabaa Hamaas hidhannoo akka hiikkatuufi to’annoo Gaazaa dabarsee akka kennu gaafatanii turuun ni yaadatama. Kunis erga biyyoonni Lixaa akka Faransaayiifi Kaanadaa, Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennan ibsuu boodattidha.
Haata’u malee, garichi garuu hanga biyyi walabaa Filisxeem hundooftutti hiikkachuuf fedhii kan hinqabne ta’uu hubachiiseera. Hidhataan Filisxeem yaada ergamaa addaa pirezidaantii Ameerikaa, Doonaaldi Tiraampi kan Baha Jiddugalaa Istiiv Witkoof, Hamaas ”waraana lafa kaa’uuf waliigaluu ibseera” jechuun kennaniif deebii kenne. Israa’el gama isheen, Hamaas waraana hiikkachuun dhibdee hamaa naannichaatti xumura gochuuf dhimma murteessaa akka ta’e kaasteetti. Mariin al-kallattii Israa’eliifi Hamaas gidduutti dhukaasa dhaabuufi warra butan gadhiisisuu torbee darbe eegalee ture gufateera.
Ingiliiz gama isheen Israa’el haaldureewwan irraa eegamu hin guutuu yoo baatte Filisxeemiif beekamtii akka kennitu ibsiteetti. Haaluma kanaan gareen Hamaas ibsa baaseen, ”yoo biyyi walabaa Filisxeem magaalaa guddoo isaa Jerusaalem godhate hundaa’uu baate mirga qabsoo koofi waraana lafa hin kaa’u” jedheera. Ibsi Hamaas kun kan dhagahame Israa’el mariin yoo milkaa’uu baate waraana itti fufuuf yeroo dhaadatteettiidha. Ministirri Ittisaa biyyattii Letenaant janaraal Eyaal Zamiir, ibsa Jimaata darbe kennaniin mariin yoo fashale Gaazaa keessatti waraanni gaggeeffamu hin dhaabatu jedhaniiru. Mariin tibbanaa kun namoota Hamaasiin butaman gadhiisisuurratti kan bu’uurefftudha. Ergamaan addaa Ameerikaa, Witkoof gara Israa’el kan imalan wayita gaaga’ama namoomaa Gaazaaf dhiibbaa guddaa jala jirtuttiidha.
Beelli nam-tolchee hamaan Gaazaatti mudachaa akka jiru Ejensiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani hubachiiseera. Kanaanis Israa’eliin komateera. Israa’el hulaa dhiheessii gargaarsaa danqite jedhamtee himatamtus danqaa akka hin goone ibsuun beelli kan hinjirre ta’uu dubbatti. Wiitkoof yaaliiwwan nagaa buusuu waaraana dhaabuufi namoota butaman gadhiisisuurratti akka xiyyeefatu himan. Ragaa gama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani irraa baheen walakkeessa Waxabajjiirraa kaasee namoonni kuma 1 fi 273 ta’an deggarsa argachuuf osoo yaalanii ajjeefamuutu himama.
Baay’een isaanii daangaa Israa’eel bakka dhiheessii deggarsaa Ameerikaan deggaramu kennamutti loltoota Israa’eliin ajjeefaman. Israa’el Hamaas iddoo sanitti ta’e jedhee muddama uumaa jira jechuun himatti. Dabaluunis loltootni ishee ta’e jedhanii namoota nagaarratti dhukaasa kan hin banne ta’uu ibsiteetti. Israa’eliifi Filisxeem gidduutti waraanni Onkololessa bara 2023 eegale hanga ammatti Gaazaatti lubbuu lammiilee baay’ee galaafateera.


