Hojiiwwan gurguddoon seenaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa keessatti ilkaa’ina haaraa galmeessisan torbee kana keessatti raawwatuu jalqabeera. Seenaa Atileetiksii Itoophiyaa keessatti milkaa’inni haaraa kan itti galmaa’u Kontinentaal Tuurii dabalatee, Shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaa 55ffaa akkasumas yaa’ii Waliigalaa Idilee 29ffaa ilaalchisee ibsi miidiyaaleef Hoteela Magnooliyaatti kennameera.
Pirezidaantiin Federeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, Atileet Silashii Sihiin ibsa kennaniin, hojiiwwan gurguddoon seenaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Keessatti milkaa’ina haaraa galmeessisan Torbee kana Keessatti raawwatamuu jalqabuu yaadachiisaniiru. Bu’uuruma kanaan, pireezidaantichi dorgommiin Kontiinentaal Tuurii geggeeffamu kun seenaa keessatti sadarkaa Atileetiksii Itoophiyaa olkaasuun sadarkaa jalqabaa keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.
Kontineentaal tuuriin biyya keenyatti geggeeffamu walitti dhufeenya atileetiksii addunyaa waliin qabnu akka jabaatuuf, dandeettii dippiloomaasii ispoortii biyya keenyaa guddisuuf akkasumas dandeettii dorgommii idil-addunyaa qopheessuuf qabnu addunyaatti mul’isuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Pirezidaantichi, dorgommichi akka Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf kan geggeeffamu ta’uu isaa hordofee gara fuulduraatti sadarkaa isaa “Bronze Level” irraa gara “Gold Level” tti guddisuuf hojiiwwan qophii dursaa damee hundaan raawwatamaa jiraachuu himaniiru.
Itoophiyaan shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 2029 fi 2031 geggeeffamu keessummeessuuf adeemsa caalbaasii keessatti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru. Shaampiyoonshiip Altimeetii Addunyaa 2028 qopheessuuf adeemsa caalbaasii dabalatee hojiin qophii dursaa hojjetamaa jiraachuu pirezidaantuchi eeraniiru.


