Sagaleen Uummataa Yeroo Kamuu Moo’ataafi Kabajamaa Ta’uu Qaba


‎Sagaleen uummataa filannoo waliigalaa 7ffaa Waxabajjii 14/2018 ifoomee jira. Boordiin filannoo biyyaalessaa paartilee siyaasaafi morkattoota dhunfaa teessoo mana maree bakka bu’ootaafi caffee naannoolee argatan ifa taasiseera. Akka ibsa Boordichaatti, filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa kana irratti sagaleen uummataa dhibbaa qaama kamuun bilisa ta’ee lakkaawamuu isaa ibseera. Akka ibsa boordichaatti sagaleen uummataa kabajameera, sagaleen uummataa moo’ateera.

Kun ijaarsa sirna dimookiraasif tarkaanfii guddaadha. Filannoo waliigalaa 7ffaarratti uummatni dhibbaa garaagaraa dandamatee filachuu danda’eera. Qaamooleen biyya alaas ta’e keessa jiran hedduun filannoo kana gufachiisuuf yaalii taasisaniiru. Kaayyoon filannoo gufachiisuu kun sagalee uummataa ukkaamsudha. Biyya mootummaa hin qabne uumuudha. Maraammartoo jeequmsaafi walwaraansa itti fufsisuudha.  Milkaa’ina filannoo waliigalaa marsaa 7ffaaf hirmaannaafi tumsi uummatni Itoophiyaa agarsise guddaadha. Qaamooleen nageenyaa hedduun aarsaa kafalanii jiru. Aarsaan kafalame hundi sagalee uummataa kabachiisufi. Akka ibsa boordii filannoo Itoophiyaatti, filannoo barana taasifameen Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa argateera. Paartileen siyaasaafi moorkattoota dhunfaa hedduunis teessoo mana maree bakka buu’ootaafi caffee naannolee argataniiru.

Kunis siyaasa paartii danuu qabu ijaaruuf karaa kan saaqudha. Siyaasni paartii danuu sagalee uummata baldhaafi yaada garagaraa dhageesisuuf gargaara. Kunis waligaltee biyyaaleessaa fiduuf kan gargaarudha. Uummatni kamuu bakka bu’aasaatin dhageetti argachuu barbaada. Carraan kun kan argamu filannoo waliigalaan bakka bu’aa filachuudhaani. Paartiin yookaan moorkataan dhunfaa sagalee caalmaa argate teessoo bakka bu’oota uummataa yookaan caffee naannolee keessa seenuun feedhiifi faayidaa filattoota isaaf ni dhaabbata. Biyya isaafis gahee isaa ni bahata. Filannoon kan barbaachiseef sagalee uummataa kabachiisufi. Aangoon olaanaa biyya tokkoo kan uummata biyyattiiti. Sirna dimookiraasii keessatti mootummaan uummataan filama, uummataaf hojjeta. Filannoo waggaa shan shaniin taasifamuratti sagaleen uummataa qixaan lakkaawame, paartii sagalee caalmaa argateetu mootummaa ijaara. Qaamaa sagalee caalmaa argateetu biyya bulcha. Murtoofi ilaalcha walfakkaataa uummataa caalmaa qabutu biyya bulcha jechuudha.

Filannoo waliigalaarratti sagaleen uummataa halaan tiksameetu buu’aa sirrii fida. Tikaan Sagaleen uummtaa yeroo filannoof qofa ta’uu hin qabu. Sagaleen uummataa yeroo kamiyyuu kabajamuufi moo’ataa ta’uu qaba. Itoophiyaan kan Itoophiyaanootaati. Lammiin biyyattii paartii sagalee caalmaa argate filates, filachuu baatees mirgisaa kabajamee jiraachuu qaba. Feedhiifi faayidaan uummata kabajamuu qaba. Qaamni sagalee caalmaa argate sagalee ummataa dhaggeefchuufi deebii qixaafi iftoomina qabu keennuu irraa eegama. Ijaarsa mootummaa fudhatamummaa qabuuf sagalee caalmaa qofti gahaa hin ta’u. Duula nafiladhaaf waadaan uummataaf galame eegamuu qaba.

 

Uummatni Itoophiyaa feedhii misoomaa hedduu qaba. Fedhiin nageenyaaf qabu garuu fedhii hundaa oliiti. Waggottan muraasa darban keessatti rakkoleen nageenyaa biyyattii keessatti muudatan uummata rakkoo hedduuf saaxileera. Mootummaan haaraa ijaaramu, nageenya biyyattii waareessuuf waa hedduu hojjechuun irraa eegama. Nageenyi hundee jiruufi jireenya uummataafi misoomaati. Fedhiifi faayidaan biyyattii kan milkaa’uu yoo nageenyi jiraatedha. Mootummaan haaraan sagalee uummataa dhaggeffachuun, amanamummasaa eegsisun, fudhatamummaa argachuun uummata nageenyaafi misoomaaf hiriirsuun irraa eegama. Lammiin biyyattii kamuu dhageettii barbaada. Waldhaggeeffachuufi walkabajuun Waldhabdee siyaasaa mariif marabbaan furuuf ni gargaara.

 

Oduu

AMECO Hirkoo