Aanaan Jiillee Dhummuugaa Aanaalee Bulchinsa Sablammii Oromoo keessatti argaman keessaa tokko taatee uummata Amaaraafi Affaar waliin jiruufi jireenyi isaanii walirratti hirkataadha.
Aanaan Jiillee Dhummuugaa gandoota ollaa Godina Shawaa Kaabaafi Aanolee Naannoo Affaar kanneen akka Addaleelaafi Sammuu Roobiin wal daangessu. Sabootni ollaa walii jiran kun achii as_dhufteen isaanii hariiroo gaa’elaafi diinagdee kan waliin qabanidha. Gaa’elaan sabootni sadan walirraa fuudhuufi walitti heerumsiisuun uummata dhiigaam firooma walkeessaa qabanidha;diinagdeetiinis lafa qonnaa waliin qotachuu, walirraa bituufi walitti gurgurachuun hariiroo addaan cituu hin dandeenye uummata qabanidha.
Aanaan Jillee Dhummuuggaa uummata ollaa waliin obbolummaafi hariiroo qaban caalmaatti cimsuuf hoggantoota waliin walitti dhufeenyaan hojjetaa tureera; hojjetaa jiras.
Hariiroo hawaasummaa kana itti fufsiisuuf dargaggootni dorgommii kubbaa miilaa Magaalaa guddoo Aanaa Jillee Dhummuugaatti yeroo gara garaa gaggeessaa turaniiru. Itti Aanaan Itti gaafatamaa Waajjira Nageenyaafi Tika Uummata Aanaa Ji illee Dhummuugaa Obbo Alii Hasan, akka jedhanitti, qaamoleen tokko tokko dantaa dhuunfaa isaanii kabachiifa chuuf socho’aa turaniiru. Tumsa cimaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, humnoota na geenyaafi kutaalee hawaasaa nagaa jaallataniin yeroo ammaa nageenyi waaraa dhufuu kaasaniiru. Amma haalli nageenyaa naannawichaa fooyyee guddaa qaba; uummatni akkuma kanaan duraa gabaa tokkotti ba’ee walirraa bitaafi gurgurachaa jiru. Gaggeessitoota waliin hojii hari iroo hawaasichaa cimsuu jalqabame ittifufsiisuun jaalalaafi tokkummaa saboota Oromoofi Amaaraa cimsuuf kutannoon kan hojjetamuu ta’uu Obbo Aliin dubbataniiru. Uummanni aanaa keenyaa nageen ya barbaada; yeroo walitti bu’insi mu datu aadaafi duudhaa araaraa keenya fayyadamuun rakkoo furree uummata ollaa waliin hariiroo daldalaafi hawaa summaa keenya gara sadarkaa olaa naatti guddisuuf hojjenna” jedhaniiru. Duudhaa ganamaa sirna Abbaa Dhiiraafi Malkaa Jiillee’’ nageenya it tiin eeguuf itti gargaaramaa jiraachuus himan. Sirni Abbaa Dhiiraa warra na geenya booressan kutannoodhaan gara daandii nagaatti fiduuf hojjeta. Seerri Malkaa Jiillee immoo sirna ittiin bulmaataa qaamolee badii raawwatan to’achuufi adabuun gara daandii sir riitti fiduuf gargaarudha. Duudhaaleen kunneen dantaa dhuunfaa dhabam siisuun, wal shakkiifi miiroota seeraan alaa tasgabbeessanii jiruufi jireenyi hawaasummaa naga qabeessi akka jiraatu taasisuu keessatti gahee olaa naa qabu. Obbo Abarraa Mokonnin Godina Shawaa Kaabaatti Bulchaa Olaanaa Aanaa Efiraataa Gidimidha. Aanaa Ji illee Dhummuugaa waliin gandoota saddeetiin kan wal daangesssan ta’uu eeranii, uummanni ollaa kun yeroo gaddaafi gammachuu dursee kan waliif birmatu ta’uu ibsaniiru. Qaamoleen nageenya booressan jiraatanis “Uum manni keenya shakkii keessaa bahee bilisaan socho’uun misooma waloo irratti akka xiyyeeffatuuf obboloota keenya Jiillee Dhummuugaa waliin qindoominaan hojjetaa jirra” jedhan. Fayyadamummaa uummata ollaa barnoota, fayyaa, qonnaafi ijaarsa bu’uuraalee misoomaan mirkanees suuf kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru. Barattootni aanaalee lamaa nii mana barnootaa tokkotti waliin barataa akka jiran kan kaasan bulchaan kun, hariiroo waliin jireenya hawaasi chaa daran cimsuuf Ganda Nagees soo; aanolee lamaan daangessu ir ratti mana barnootaa waliin ijaarsisaa jiraachuu dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, fayyadamummaa diinag dee dargaggootaa cimsuuf aanaalee lamaan irraa dargaggoota shantama shantama walitti fiduun hojii qonnaa irratti hirmaachisuuf hojjetamaa jira; geggeessitoota waliin hojii hariiroo hawaasichaa cimsuuf jalqabame itti fufsiisuun jaalalaafi tokkummaa uum matichaaf ciminaan ni hojjetamas jed han.
OdaaLikkiisaa


