Misoomni koriidarii baadiyyaa Itoophiyaa keessatti bal’inaan hojiirra oolaa jiru, waggoota muraasa keessatti bifa baadiyyaa jijjiiruu qofa osoo hin taane, haala jireenyaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa sadarkaa olaanaatti jijjiiruuf kan
kaayyeffate riifoormii misoomaa biyyaalessaa ta’ee hojjetamaa jira.
Misoomni kun hoggansaafi hordoffii Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimadiin (PhD), naannoolee biyyattii garaagaraatti haala milkaa’ina qabuun gaggeeffamaa jira. Haaluma kanaan Ministirri Muummee Abiyyii Ahimad (PhD) Naannoo Kibba Itoophiyaa, Aanaa Abbaayya Lixaatti argamuun gandoota koriidarii baadiyyaa fakkeenyummaa qaban daawwataniiru.
Daawwannaa kana irratti, Ministirri Muummee hojiiwwan agarsiiftuu hojjetaman kun Itoophiyaa gara sadarkaa olka’iinsa badhaadhina yaadameetti ceesisuuf dandeettii olaanaa akka qaban ibsaniiru. Akkasumas, mootummaan oomisha fooyya’aa dhiyeessuufi leenjiiwwan adda addaa kennuun deeggarsa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Ministirri Muummee akka himanitti, qonnaan bultoonni oomisha muuzii isaanii gurguruun galii argataniin jireenya isaanii fooyyessuu danda’uun isaanii naannoo biroofis fakkeenya gaarii ta’a jedhaniiru. Gandi moodeela ta’e kun kabaja, mijattummaafi fayyadamummaa diinagdee hawaasa baadiyyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu hubachiisaniiru.
Piroojektiin koriidarii kunis manneen jireenyaa qonnaan bultootaa ammayyeessuu, mooraa fooyyessuu, bu’uuraalee misoomaa ijaaruu, akkasumas anniisaa haaromfamaa fayyadamuun haala jireenyaa fooyyessuu irratti xiyyeeffatee hojjetamaa jira.
Kaayyoon isaa guddaan garaagarummaa baadiyyaafi magaalaa gidduu jiru xiqqeessuu, godaansa baadiyyaa irraa gara magaalaatti taasifamu hir’isuufi badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuu akka ta’e ibsameera.
Misoomni koridarii baadiyyaa kun dameelee gurguddoo afur irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, isaanis: gandoota moodeelaa ijaaruu, mana jireenyaafi mooraa fooyyessuu, bu’uuraalee misoomaa babal’isuufi anniisaa haaromfamaa fayyadamuu, akkasumas walitti hidhaminsa oomishaafi gabaa cimsuudha.
Walumaagalatti, misoomni koriidarii baadiyyaa kun haala jireenyaa hawaasa baadiyyaa jijjiiruun, gandoota baadiyyaa Itoophiyaa miidhagoo, qulqulluufi jireenyaaf mijatoo taasisuuf tarkaanfii guddaa ta’ee akka biyyaalessaatti milkaa’inaan hojjetamaa akka jiru ibsameera.
Moosisaa Fufaatiin


