Yeroo ammaa biyya keenya keessatti qaala’iinsi jireenyaa hawaasicharratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira. Gatiin nyaataa, tajaajilaafi meeshaalee bu’uuraa ol-ka’uun jireenya lammiilee ulfaataa taasiseera. Rakkoon kun caasaalee mootummaa sadarkaa adda addaatti argamaniif hojii furmaataa hatattamaafi itti fufiinsa qabu gaafata. Haaluma kanaan, mootummaan qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojii bal’aa hojjechaa jira. Fakkeenyaaf Bulchiinsi Magaalaa Baatee haala kana hubachuun, qaala’insa jireenyaa magaalichaa tasgabbeessuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa jira.
Bulchiinsichi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf tarkaanfiiwwan hedduu fudhateera. Isaan keessaa tokko to’annoo gabaa cimsuudha. Qaamoleen mootummaa daldaltoota irratti hordoffii cimaa taasisaa, daldalli seeraan alaa akka hin babal’anne ittisaa jiru. Kunis gatiin meeshaalee akka hin daballe ni gargaara. Dabalataanis, gabaa to’annoo jala oolu diriirsuun meeshaalee bu’uuraa akka nyaataafi boba’aa gatii madaalawaa ta’een akka uummataaf dhihaatan taasisaa jiru. Qonnaan bultoota naannoo magaalichaafi naannolee ollaa jiran deeggaruun oomishni akka dabalu taasifamaa jira. Yoo oomishni dabale, dhiyeessiin ni guddata; kunis gatii gabaa hir’isuuf shoora olaanaa qaba.
Obbo Indiriis Jibriil, jiraataa magaalaa Baatee ganda 01ti. Magaalaan Baatee handhuura daldalaafi bakka qunnamtii uummattoota naannichaa taatus, yeroo ammaa qaala’iinsi jireenyaa jiraattota irratti dhiibbaa olaanaa uumaa jiraachuu kaasaniiru. Keessattuu gatiin midhaan nyaataafi oomishaalee qonnaa biroo guyya guyyaan ol deemuun isaa maatii galii gadaanaa qaban irratti dhiibbaa jireenyaa uumuu dubbataniiru. Baateen magaalaa guddachaa jirtu waan taateef, lakkoofsi uummataa dabalaa deemuu isaa waliin wal qabatee gatiin kiraa manaa dabalaa jira jedhaniiru. Dabalataan, qaala’iinsa boba’aa waliin wal qabatee kaffaltii geejjibaa baajaajiifi konkolaattota irratti daballiin uumamuu kaasaniiru. Meeshaaleen warshaa kanneen akka sukkaaraa, zayitaafi meeshaaleen gabaa irratti dhiyaatan kanneen biroo yeroodhaa gara yerootti gatiin isaanii ol ka’uun qaala’insa gabaa magaalichatti uumuu komii dhiyeessaniiru.
Oboo Habiib Saayid, dargaggoo waldaa boba’aa irratti gurmiin hojjetan keessaa tokko yoo ta’an, “Magaalaa Baatee keessatti nuti gurmiin boba’aa gurguruu irratti bobbaane, rakkoo qaala’iinsa jireenyaa hawaasa keenya mudate salphisuuf hojiilee adda addaa karaa seeraa ta’een raawwachaa jirra” jedhaniiru. Boba’aan dhiyeeffamu haala seeraan alaa ta’een gabaa irratti akka hin gurguramne to’annoo cimaa gochuun, tajaajilli boba’aa haala qindoomina qabuun geejjiba hawaasaatiif akka oolu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Kun ammoo daballii kaffaltii geejjibaa haala seeraan alaa ta’een uumamu ittisuuf gargaara jedhaniiru. Gara fuulduraattis sirna bittaafi gurgurtaa boba’aa ammayyeessuun kaffaltii karaa diijitaalaatiin raawwachuun, hojii iftoomina qabaatu hojjechuuf karoorsanii jiraachuu kaasaniiru.
Walitti qabaan Waldaa Hojii Gamtaa bulchiinsa magaalaa Baatee obbo Taganuu Taaddalee, qaala’iinsa jireenyaa furuuf waaldaan hojii gamtaa dhiyeessa garagaraa taasisaa jiraachuu kaasaniiru. Waldaan hojii gamtaa gurmiin shan akka bulchiinsa magaalichaatti kan jiru yoo ta’u, mootummaa waliin qindoominaan hojjechuun meeshaalee akka daakuu, zayita nyaataa, sukkaara, midhaan adda addaa gatii madaalawaa ta’een hawaasaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru. Kunis daldaltoota gatii ol kaasan irraatti dorgommii uumuun gabaa tasgabbeessa jedhaniiru. Gara fuulduraattis hojiilee bal’aa hojjechuuf karoorsanii jiraachuu kaasuun, rakkoon kaappitaalaa darbee darbee akka isaan mudatu ibsaniiru. Waajjirri bulchiinsas rakkoo kana furuuf birrii miliyoona 2 waldaalee hojii gamtaa gurmii lama deeggaruuf karooran qabatanii akka jiran eeraniiru.
Waajjira Daldalaafi Misooma Gabaa bulchiinsa magaalaa Baatetti Abbaa Adeemsa mirga bitattootaafi hordoffii meeshaalee bu’uuraa obbo Sayid Mahaammad, qaala’insi jireenyaa akkuma biyyaatti muudatullee, akka bulchiinsa magaalaa Baatetti rakkoowwan kunniin furuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Daldaltoota gurmii ta’anii daldalan irratti sakatta’iinsi taasifamee, daldaltoota gatii hin malle meeshaalee irratti dabalan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jiraachuu kaasaniiru. Tarkaanfii kanaanis meeshaaleen gabaaf malan mana nama dhuunfaa keessa dhokfamanii turan to’achuun, waldaalee oomisha midhaanii sadiifi oomisha industirii shan, waligalaan waldaalee saddeet irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu eeraniiru. Dabalataanis, namoota boba’aa dhoksanii gatii dabaluun gurguran irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jiraachuu kaasaniiru.
Yeroo ayyaanota garagaraatti baazaarii gabaa gandoota aanichaa hunda irratti dhiyeessuun hawaasni gatii madaalawaan walirraa bitee akka gurguru taasisuu isaanii dubbataniiru. Dhiyeessiwwan jiraniifi fedhii bitattootaa wal madaaluu baatullee, waldaaleen hojii gamtaa dhiyeessiiwwan garagaraa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Qaala’insa gabaa tasgabbeessuuf qaamolee mootummaa qofa osoo hin taane, qaamoleen dhuunfaa garagaraas deeggarsa taasisaa jiru kan eeran obbo Saayid, Keessumaa dhaabbanni “Revolving Fund” jedhamu waldaalee hojii gamtaaf maallaqa liqaadhaan dhiyeessuun hawaasaaf dhiyeessii gatii madaalawaa akka taasisan gargaaraa jira jedhaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


