Naayijeeriyaan Dhiheessa Boba’aa Dabaluuf Qophii Ta’uu Ishee Beeksifte

Naayijeeriyaan Deggarsa Dhiheessa Boba’aa Taasisuuf Qophii Ta’uu Ministeerri  Odeeffannoo Biyyattii Beeksiseera. Mootummaan Federaalaa Naayijeeriyaa naannawa Galoo Galaanaa keessatti muddamni mudatee dhangala’aa anniisaa balaadhaaf saaxiluufi biyyoonni madda filannoo akka barbaadatan itti fufee waan jiruuf Naayijeeriyaan gabaa boba’aa addunyaa keessatti dhiheessituu amanamtuu taatee hirmaachuuf qophii ta’uu ishee ibseera. Yaadni ministirichaa kan ba’e, muddama naannawa Baha Giddu Galeessaatti dabalaa dhufee hordofeeti. Kunis bu’uuraalee boba’aa murteessoo ta’an irratti dhiibbaa kan uume yoo ta’u keessumaayyu nageenya ijoo boba’aan addunyaa harki guddaan ittiin geejibsiifamu ‘Istrees of Hormuz’ irratti yaaddoo uumeera.

Ministirri Odeeffannoofi Oreenteeshinii Biyyaalessaa Mohaammad Idiriis af-gaaffii BBC waliin taasisaniin ejjennoo kana kan beeksisan yoo ta’u, Naayijeeriyaan tattaaffii dhiheessa anniisaa addunyaa tasgabbeessuuf kaayyeffate deeggaruuf qophii ta’uu himaniiru. Naayijeeriyaan yeroo kamittuu addunyaarratti nageenya anniisaaf gumaacha taasisuuf qophii ta’uu kan kaasan ministeerichi, Naayijeeriyaan muddama salphisuuf waan taasisuun irra jiraatu ni taasifti jedhaniiru. Addunyaaf boba’aan akkuma barbaachisu Naayijeeriyaanis qaamuma addunyaa ta’uu mirkaneessaniiru.

Rakkoon boba’aa Afrikaatti dursee dhaqqabaa jira, biyyoonni Afrikaa kanneen akka Gaanaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa gara buufata boba’aa Daangoteetti fuula isaanii naanneffataniiru. Dhaabbileen nageenyaa Naayijeeriyaa hojiin dabalataa hojjetamuu qabaatus kun akka deebi’ee hin mudanneef sa’aatii guutuu hojjechaa jiru jedhaniiru.  Ministirri kun taatewwan akkanaa yaaddeessoo ta’aniyyu Kaabni Bahaa baroota darbanitti sababa giddu seentummaa mootummaafi bobbii oppireeshinii waraanaatiin tasgabbaa’uun fooyya’insa argisiisuu dubbataniiru.

Ilaalcha dinagdee bal’aa ilaalchisee ministirri kun haaromsi pirezidaantii Boolaa Ahimed Tinubin jalatti taasifamaa jiru bu’aa gaarii argamsiisuu eegaluusaafi ejjennoo Naayijeeriyaa addunyaa guddisuufi fedhii idil-addunyaa hawwachuu ibsaniiru. Dhiheenya pirezidaantichi daawwannaa mootummaa Yunaayitid Kingidam keessatt taasisaniin haasaa taasisaniin ”daawwannaan kun hariiroo seenaa, walitti dhufeenya aadaafi dinagdee Naayijeeriyaafi Yunaayitid Kingidam gidduu jiru kan cimsudha jedhaniiru. Faayidaa biyyoota lamaaniif jecha caalaatti akka jabeessinu abdiin qaba jechuun dubbataniiru. Ministirri kun nageenya biyya keessaa cimsuun kan itti fufu ta’uu eeranii, mirkanaa’uu dhabuu ji’oopoolitikaa itti fufee jiru keessatti Naayijeeriyaan gabaa anniisaa addunyaa keessatti michuu amanamtuu akka taatuuf abdii qaban ibsaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo