Baroota dhihoo asitti qorumsa seensaa yuunivarsitii bifa addaan kennamuu jalqabe hordofee qabxii barattoonni galmeessan akkaan gadaanaa ta’aa dhufuun isaa yaadannoo yeroo dhihooti. Rakkoo kana furuuf bu’uura irraa barnoota irratti hojjechuun akka barbaachisu ni gorfama. Manneen barnootaa qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanaa bara kanaa qorsiisuuf qopheessaa jiran keessaa Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa magaalaa Kamisee Lakkoofsa 2ffaa tokkodha. Barruu keenya kanaan manni barumsaa kun qabxii barattootaa fooyyessuuf carraaqqii taasisaa jirurratti xiyyeeffanneerra.
Eebbisee Fiqaaduu barattuu mana barumsichaa yoo taatu ”bu’uura sagantaa qayyabannaa kootiin qormaatichaaf ammumarraa of qopheessaan jira’’ jetteetti. Barsiisota filatamoo dandeettii qabaniin deggarsi gaarii waan isaaniif taasifamaa jiruuf gamanumaan of qopheessaa jiraachuu himteetti. Gosoota barnootaa hundaaf yeroo qoqqoddee qayyabataan jira jetteetti. Eebbiseen, meeshaalee barnootaa karaa maatiisheen argattuun cinatti manni dubbisaafi kutaan yaalii mana barnootichaa yeroo hunda banaa waan ta’eef sirnaan itti gargaaramuu dubbatteetti. Barattuun kun barattoonni galmaafi mul’ata isaanii dhugoomsuuf karoora barnootaan walqabatee baafatan irratti ciminaan hojjechuu akka qabanis gorsiteetti.
Itti gaafatamaan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Kamisee Lakkoofsa 2ffaa, barsiisaa Ittichaa Fufaa, qabxii barattotaa fooyyee qabu galmeessuuf deggarsi maatiifi mana burumsaa cinatti kutannoon barattotaa barbaachisaadha jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti, barattoonni qabxii gaarii galmeessuun dhaabbilee barnoota olaanoo seenan barattoota sirnaan qayyabatanidha. Sadarkaa mana barumsichaatti akka waliigalaatti bara kana barattoonnni 135 qorumsa seensa yuunivarsiitii kan fudhatan ta’uu eeraniiru. Itti gaafatamichi kana keessaa barattoonni qaxalee 41 deggarsa addaa barnoota idilee isaaniin cinatti argachaa jiru jedhaniiru. Haaluma sanaan, kanneen hafanis akkuma warra kaanii Fulbaana irraa jalqabanii qabiyyeewwan barnootaa barsiisaa akka jiran eeranii, barnoota idileen alatti waaree booda sa’aatii 8 hanga 10:0tti barnoota dabalataa kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Itti gaafatamichi qabiyyeewwan barnootaa qormaanni biyyaalessaa keessaa bahan irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. ‘’Mana dubbisaafi kutaa yaalii banaa taasisuun barattoonni sirnaan akka itti dhimma bahan taasifamaa jira’’ kan jedhan barsiisaa Ittichaan kutaa kompiitaraa mana barumsichaa guutummaatti hojiirra oolchuuf dhaabbata ‘Teelee’ waliin waliigalteerra gahuu kaasaniiru. Meeshaalee deggarsa barnootaa dhiheessuun qooda mana barnootaa ta’uu kan himan itti gaafatamichi, gama isaaniin barattoonni haalaan akka gargaaramaniif jajjabeessaa jiraachuu dubbataniiru.
Ittaanaan ittigaafatamaa Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Malkaamuu Haata’uu, bulchiinsi magaalichaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa sadii qabaachuu eeraniiru. Sadarkaa magaalichaatti, qorumsa naannoo, biyyaalessaaf barattoota gahoomsaa jiraachuu dubbataniiru. ‘’Manneen barnootaa hunda keessatti adeemsa baruufi barsiisuu sirrii hordofuun qabxii barattootaa fooyyessuuf hojjetamaa jira’’ jedhaniiru. Itti aanaan kun, sadarkaa biyyaalessaatti qabxii qorumsa seensa yuunivarsiitii gadi bu’aa dhufe furuuf sadarkaa akka bulchiinsa magaalaa Kamiseetti ciminaan hojjecha jirra jedhaniiru. Magaalichaatti barattoonni 311 qormaata seensa yuunivarsiitii fudhachuuf unka (foormii) guutanii jiraachuu himanii, kanneen keessaa barattoonni qaxalee 105 barnoota idileen alatti barsiisota filatamaniin deggarsa argataa jiru jedhaniiru. Barattoota qaxalee qabxii gaarii galmeessan jedhamanii eeggamaniif deggarsi addaa taasifamaafii jiraachuus himaniiru. Akka Ittaanaan ittigaafatamaan kun jedhanitti, kufaatiin hamaa manneen barnootaa sadarkaa olitti mudate kun manneen barnootaa sadarkaa gadiirraa rakkoof saaxilamaa waan dhufeef, kutaa gadiirraa furuum barbaachisaafi dirqamadha. Kufaatii barattootaa kutaa 12ffaa hir’isuuf sadarkaa gadiirraa jalqabuun irratti hojjechaa akka jiranis eraniiru. Obbo Malkaamuun, kanneen hafanis tumsa barbaachisaa argachaa jiru jedhaniiru.
Barattoota qabxii gaarii galmeessan oomishuun kan danda’amu, tumsa barsiisoota qofaan akka hintaane hubachuun sana cinatti maatii barattootaa waliinis wal hubannoon deemaa jiraachuu himaniiru. ‘’Xiinsammuufi dandeettii barattootaa gabbisuuf hojjetamaa jira’’ kan jedhan itti gaafatamichi, qormaata moodelaa sadarkaa garagaraatti kennuun cinatti hojiin barattoota qopheessuu bal’inaan taasifamaa jiraachuu caqasaniiru. Karaa al-idilee ta’eenis Sambataafi Dilbata haalota tokko tokko mijeessuun barsiisonni barattoota akka gargaaran taasifamaa akka jiru kaasaniiru. Qabxii barattootaa fooyyessuuf qooda fudhattoonni hunduu tumsuu akka qabanis obbo Malkaamuun dhaamaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


