Dhaloota Yakka Balaaleffatu Uumuu

‎Yeroo ammaa rakkooleen yakkaa hawaasummaa akka hannaa, saamichaafi jeequmsa nageenyaa dabalaa dhufuun, nageenya hawaasaafi guddina biyyaa irratti dhiibbaa geessisaa jiru. Haala kana keessatti, yakka ittisuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane dirqama lammiilee hundaa ta’uun hubatamaadha. Keessattuu immoo dhaloota haaraa irratti gahee guddaa qaba. Yeroo ammaa rakkooleen yakka hawaasummaa garaagaraa akka saamicha, hanna, jeequmsa nageenyaafi gochoonni seeraan alaa biroo babal’achaa jiru. Kunis nageenya hawaasaa miidhuu qofa osoo hin taane, guddina biyyaa gufachiisa.

‎Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Aanaa Arxummaa Fursiittis nageenya hawaasaa cimsuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus, hirmaannaan uummataa, keessattuu dargaggootaa, murteessaadha. Dhaloonni yoo yakka balaaleffachuu, hubachuufi ittisuuf of qopheesse, egeree nageenya qabu ijaaruun ni danda’ama. ‎Jiraataan Aanaa Arxummaa Fursii, ganda Wagaree Dabbasoo, Ahmad Huseen akka jedhanitti, yakkoonni garaagaraa naannoo isaanii keessatti mul’achaa jiru. Yakki gocha seeraafi sirna hawaasaa cabse, miidhaa nama dhuunfaa, hawaasa yookiin mootummaa irraan ga’u ta’uu ibsaniiru. Kana malees, wanti nagaafi tasgabbii hawaasaa jeequ hundi yakka keessatti lakkaa’ama jedhaniiru.

‘’Hawaasa keenya keessatti hubannoon yakka ittisuu suuta suuta fooyya’aa jira’’ kan jedhan obbo Ahmad, namoonni hedduun yakka irraa of eeguufi odeeffannoo qaama nageenyaaf kennuun dirqama isaanii akka ta’e ibsaniiru. Jiraataan kun ganda isaanii keessatti hariiroon fooyya’aan qaama nageenyaafi hawaasa jidduu jiraachuu eeraniiru. Waliin mari’achuun, walgahii nageenyaa gaggeessuufi odeeffannoo waljijjiiruu irratti hawaasni gandichaa hirmaataa jira jedhaniiru. Jiraattonni gandichaas yeroo ammaa mootummaa waliin hojjechuuf fedhii agarsiisaa jiraachuu kaasaniiru. Ta’us, wal amanamummaa guutuufi hojiin waloon cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. “Nageenyi bu’uura jireenya keenyaati; tokko tokkoon keenya yakka ittisuuf gahee qabna. Yakka yoo argine callisuu osoo hin taane, qaama nageenyaaf eeruun dirqama keenya” jedhaniiru. Maatii irraa jalqabuun ijoollee isaanii naamusaafi seera kabajuu barsiisuun gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

‎Jiraataan Aanaa Arxummaa Fursii ganda Bishee Abubar Mahammad, yakki gocha seeraafi safuu hawaasaa cabsu ta’uu ibsaniiru. Kunis nageenya, tasgabbiifi jireenya uummataa irratti miidhaa fida jedhaniiru. Ganda isaanii keessatti yeroo tokko tokko yakki akka saamicha xixiqqaa, walitti bu’iinsaafi miidhaa dhuunfaa mul’achaa turuu eeraniiru. Haata’u malee, yeroo ammaa dammaqinsi hawaasaa dabalaa dhufuun haalli isaa fooyya’aa jiraachuu dubbataniiru. Hawaasni keenya yakka balaaleffachuu irratti hubannoo gaarii qaba kan jedhan obbo Abubakar, hawaasni naannichaa  yakkoota kamiyyuu balaaleffataa jiru jedhaniiru.

‎Hawaasichis odeeffannoo barbaachisaa qaamolee nageenyaaf eeruudhaan ittisa yakkaa keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Hariiroon qaamolee nageenyaafi hawaasaa gidduu jiru ammoo gaariifi fooyya’adha jedhaniiru. “Abbootiin amantaas manneen amantaa keessatti yakki fuula namaattis fuula waaqaatti fudhatama kan hin qabneefi cubbuu ta’uu nu barsiisu” jedhaniiru. Dhaloota yakka balaaleffatu uumuuf, maatiin gahee guddaa qabaachuu kaasaniiru. Ijoollee sirna, naamusaafi itti gaafatamummaa barsiisuu akka qaban kaasaniiru.

Barsiisonni immoo hubannoo isaanii cimsuun dhaloota gaarii ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. “Nageenyi keenya harka keenyarra jira. Hundi keenya yakka haa balaaleffannu, wal haa tumsinu, naannoo keenya haa eeggannu” jechuun jiraataan kun dhaamaniiru. Waajjira Poolisii Aanaa Arxummaa Fursiitti, abbaa adeemsa ittisa yakkaa, Inspektar Faqii Adam, gochoonni akka hannaa, ajjeechaa, saamichaa, miidhaa qaamaafi qabeenyaa raawwachuun yakka keessatti haammatamuu ibsaniiru. Hawaasni yakkoota kanarraa akka fagaatuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Akka aanichaatti, walga’iiwwan gandaatti qopheessuun yakki miidhaa inni fidu irratti hubannoo kennaa jiraachuu eeraniiru. Keessattuu dargaggoota, dubartootaafi jaarsolii waliin marii gaggeessuun yakka ittisuu irratti hubannoo uumaa akka jiran eeraniiru.

‎Namoonni shakkamtoota argan saffisaan qaama seeraaf beeksisuu akka danda’an jajjabeessaa jiraachuu ibsaniiru. “Ana hin ilaallatu, nama biraa ilaallata” jechuun osoo hin taane, yakka kamiyyuu seeraan akka gaafatamuuf, namni hunduu gahee akka bahatuuf sadarkaa hundatti hubannoo gadi fageenyaan kennaa jiraachuu kaasaniiru. Inispektar Faqiin, yeroo baay’ee aanicha keessaa qaamni yakki irratti raawwatame eeruwwaan garaagaraa isaan biraan gahuu ibsuun, garuu abbaan dhimmaa deddeebi’uun hordoffii taasisaa akka hin jirre eeraniiru. Kun immoo yakkamaa seeratti dhiyeessuu irratti gufuu kan itti uumuu ta’uu kaasaniiru. “Namoota yakka raawwatan irratti eeruufi hordoffii abbaa dhimma bu’uura godhachuun tarkaanfii seeraa barsiisaa ta’e fudhachaa jiraachuu eeraniiru.

Kana malees, dhaabbilee amantii waliin ta’uun safuufi duudhaa gaarii babal’isuu keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu eeraniiru jedhaniiru. Dhumarrattis, yakka ittisuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane hojii hawaasa maraa ta’uu hubachisaniiru. Hirmaannaan uummataa yoo cime, yakki ni hir’ata, nageenyi ni dagaaga jedhaniiru. Kanaafuu, qaamni dhimmi ilaallatu hundi yakka ittisuurratti gahee isaa bahachuu akka qabu Inspektar Faqiin dhaamaniiru.

‎Moosisaa Fufaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo