Hirmaannaa Siyaasaa Dubartootaa Cimsuun Biyya Ijaaruudha

Dhiheenyaan asitti hirmaannaa dubartootaa gama hawaas-dinagdeefi siyaasaan mirkaneessuuf hojiiwwan gurguddaan hojjetamaa jiru. Dubartoonni lakkoofsaan walakkaa uummataa ol ta’an jiruufi jireenya maatiifi hawaasaa guyyaa guyyaa keessatti gumaacha guddaa kan taasisan ta’uun ni hubatama. Haata’umalee, biyyoota guddataa jiran keessatti hirmaannaan isaan gama hundaan qaban laafaa turuun isaa waan beekamudha.

Waajjira Dhimma Dubartootaa Daa’immaniifi Hawaasummaa aanaa Jiillee Dhummuugaatti Dursaan Garee Sosochii Babal’ina Hubannoo Dubartootaa, Tashoomaa Taakkalaa, damee siyaasaa keessatti hir’achuu hoggansa dubartootaaf sababni guddaan waan hunduu olaantummaa warra dhiiraa jalatti kufuu irraan kan dhufe ta’uu dubbataniiru. Siyaasa keessatti hirmaannaan dubartoonni hoggansa damee siyaasaa keessatti qaban ija guutee mul’achuu kan dhabeef, hanqina isaaniirraa kan madde miti kan jedhan dursaan garee kun, rakkoo guddaan ilaalcha hawaasni dubartootaaf qabaachaa tureenidha jedhaniiru. Ilaalcha boodatti hafaa daddarbaa dhufe cinatti hojiin mana keessaa dubartoota irratti baay’achuu isaas akka rakkoo tokkootti kaasaniiru.

Dubartoonni dinagdeen hirkatummaa jala jiraachuun yookiin of danda’uu dhabuunis akka bahanii hin mul’anne taasisaa turuu eeranii, qixa dhiiraan barachuu dhabuunis rakkichaaf dhiibbaa mataasaa uumaa turuu dursaan garichaa dubbataniiru. Haata’u malee yeroo dhihoo asitti mootummaan amma bulchaa jiru gara aangootti erga dhufee booda kaabinee isaa keessaa walakkaa isaa dubartoonni akka to’atan gochuun sadarkaa idil-addunyaatti waan dinqisiifannaa argate akka ta’e himaniiru. Yeroo ammaa lakkoofsi hoggantoota dubartootaa miseensota Paarlamaafi Mana Marii Naannoo dabalatee biiroolee, godinaalee, magaalotaafi sadarkaa hundatti dabaluu isaas himaniiru.

Aanaa Jiillee Dhummuugaatti dubartoonni damee siyaas-dinagdeen fayyadamoo taasisuuf hojii hubannoo uumuu hojjetameen bu’aan jajjabeessaa galmaa’uu dubbataniiru. Dursaan garee kun aanichatti dubartoonni kuma 1 fi 953 mootummaa irraa liqii fudhachuun dinagdee isaanii cimsachuuf damee hojii garagaaraa irratti bobba’anii hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Dubartiin utubaa maatii, ogeettii, mallattoo nageenyaa, araaraafi walooma dagaagsuu keessatti ga’ee guddaa qabaachuu eeranii, dubartoonni hirmaannaa siyaasa keessatti qaban daran cimsuun imala guddina roga hundaan jalqabameef utubaa ta’uu akka qaban gorsaniiru.

Itti gaafatamtuun Koochoo Dubartootaa aanaa Jiillee Dhummuugaa, aadde Amiinaat Umar, hirmaannaa mootummaan gurmaa’insa dubartootaa cimsuun fayyadamummaa dubartootaa mirkaneesssuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Sirnoota darban keessa sagaleefi eenyummaan dubartootaa dhokatee ture qabsoo taasifameen ilaalchi boodatti hafaa dubartootaaf qabaatamaa ture hir’achuu isaa ibsaniiru. ‘’Hojii hirmaannaa siyaasaa dubartootaa guddisuuf hojjetameen bu’aan gaarii galmaa’eera’’ kan jedhan itti gaafatamtuun kun, aanicha keessatti dubartoonni bakkeewwan hoggansaa ijoo ta’anitti ramadamuun hojjechaa jiraachuun isaanii kanaaf agarsiistuu tokko ta’uu isaa dubbataniiru. Sadarkaa aanichaatti dubartoonni jaha ol itti gaafatamummaan waajjiraalee hogganaa jiraachuu eeranii, dubartoonni biroos manneen barnootaa garagaraafi sadarkaa gandootaatti itti gaafatamummaa fudhachuun bakka ramadamanitti bu’aa gaarii galmeessaa jiraachuu kaasaniiru.

‘’Dubartoonni siyaasa keessatti hirmaannaa qaban cimsuuf dubartoota gahoomsaa deemuun kaayyoof mul’ata mootummaan qabatee hojjechaa jirudha’’ kan jedhan aadde Amiinaat dubartoonni humna raawwachiisummaa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee isaanii cimsuuf of qopheessuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti gaafatamtuun kun dubartoonni xiyyeeffannoo isaaniif kennamee jiru kanatti fayyadamuu dameewwan siyaa-dinagdeefi hawaasummaan of gahoomsuutu irra jiraata jedhaniiru. Aadde Amiinaat gama Waajjira isaaniin dubartoota ciccimoo 16 ta’an gara fuulduraatti wajjiraalee garagaraa hogganaan adda baasuun gahoomsaa akka jiran himaniiru. Hirmaannaa dubartoonni humna hoggansaafi qabeenya dhuunfaafi biyya bulchuu keessatti qaban cimsuuf dandeettii isaanii yeroo gara yerootti gabbifataa adeemuu akka qabanis gorsaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo