Galmee Barattootaa Baruufi Barsiisuu Milkeessuuf

Adeemsa baruu fi barsiisuu bu’a qabeessa, qulqulluu fi sirnaan gaggeessuuf galmeen barattootaa gahee olaanaa qaba. Bara barnootaa haaraa keessatti galmee barattootaa yeroo isaa eeggate, sirriifi qulqullinaan gaggeessuun adeemsa baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti gahee ol-aanaa qaba. Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Dawwaa Caffaatti hojii galmee barattootaa sirrii, qulqulluufi qindaa’aa ta’e gaggeessuuf ‎qophiin taasifamaa jira.

Injineer Muhee Umar jiraataa Aanaa Dawwee Harawaati;barumsi hundee guddinaafi qaroominaa waan ta’eef, namni tokko jireenya isaa keessatti barnootaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu gorsa. kanaan dura barnoota argachuuf haalli mijataan hin turre fedhii ofiitiin barachuufis rakkinoota hedduutu jira.kana yoon jedhu manni barumsa gahan hin jiru,miila ofiitiin karaa dheeraa deemuun barachuun dirqama jedhuun rakkoo manni barumsaa dhiyoon isaanitti dhiyaatu dhabuu ibsa..

‎Barumsi daangaa wallaalummaa fageessuun beekumsa namaa dagaagsa. Barnoonni ifa jireenyaa ta’ee namaaf mirgaafi dirqama isaa beekuu, dandeettii yaaduufi waliigaltee uumuu, dubbisee hubachuu akkasumas jireenya gaarii jiraachuuf beekumsaafi dandeettii barbaachisaa ta’e horachuuf gargaara. Namni hin baranne ammoo carraafi dandeettiiwwan hedduu irraa fagaachuu danda’a jedhan.Fakkeenya biyya keenyaa kaasuunis, Dr. Suwaaliin fedhii fi kaka’umsa barnootaaf qaban irraa ka’uun mana isaanii irraa gara mana barumsaa kiilomeetira lama ta’u miilaan deemuun barachaa turuu isaanii himan. Yeroo ammaa kana ammoo beekumsa argatanitti fayyadamuun ofii isaanii caalaa biyya isaanii tajaajilaa jiraachuu ibsan.

‎Dabalataanis, barachuun qaroomina; barachuu dhabuun ammoo duubatti hafummaafi wallaalummaa akka ta’e kan hubachiisan Injiinar Muhee Umar dargaggoonni biyya keenyaa bashannanaaf yeroo isaanii qisaasessuu dhiisanii barnootaaf dursa kennuu qabu jedhan.Barnoonni bu’uura jireenya nama dhuunfaa, guddina hawaasaafi dagaagina biyyaatis jechuun ibsaniiruu.

Obbo Nuuraa Huseen jiraataa Aanaa Dawwaa Caffaa Ganda Shakiilaati, Kanaan dura galmeen barattootaa yeroo dheeraa fudhatee hanga fulbaana gara dhumaatti itti fufa ture; Amma garuu galmeen barattootaa guyyaa tokkotti wal fakkaataan raawwatamuun isaa jijjiirama gaarii fi hojii barnootaa keessatti faayidaa guddaa qabas jedhan.Ijoolleen  umuriin isaanii barnootaaf ga’e hundi gara mana barumsaa dhaqanii akka galmaa’an gochuun Maatii irraa eegama. Keessumaa barataan mana barumsaa irraa hafee yookiin  barnoota isaa addaan kute yoo jiraate galmee sirrii qabaachuun sababa rakkoo isaa saffisaan adda baasuun maatiifi hawaasa waliin qindaa’anii gara barnootaatti deebisuuf carraa gaarii uumas jechuun ibsaniiruu.

‎‎Obbo Nuuraan akka ibsanitti;Galmeen barattootaa hojii mana barumsaa qofa osoo hin taane itti-gaafatamummaa maatii fi hawaasaas ni dabalata. Hawaasni galmee barattootaa  qulqulluu ta’eef tumsa kennuun  ijoolleen isaanii barnoota isaanii akka hordofan mirkaneessuufi mana barumsaa waliin qindaa’uun qulqullina barnootaafi bu’aa barattootaa fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabas jechuun kaasaniiru.

Galmeen barattootaa bu’uura adeemsa baruufi barsiisuu milkeessuudha kan jedhan immoo Barsiisaa Mana Barumsaa Shakilaa Mahaammad Indirisidha.Galmee sirriifi qindaa’aa qabaachuun barsiisaa tokkoof haala barattoota isaa sirriitti beekuu, sadarkaa barnootaa isaanii hordofuu fi rakkoolee barnootaa isaan mudatan yeroo isaatti adda baasuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Itti Gaafatamaan Mana Barumsaa Shakiilaa Sadarkaa tokkoffaa Obbo Sisaay Margaa akka jedhanitti; galmee barattootaa sirnaan qopheessuun adeemsa baruu fi barsiisuu milkeessuuf murteessaa dha. Kanaaf mana barumsichaatti galmee barattootaa bara 2019 eegaluuf ragaan barattootaa maqaa isaanii waliin qindaa’uun boordii Mana Barumsaa waliin ta’uun, ragaa aanaan gadi buuse irratti hundaa’uun hojii galmee gaggeessuuf qophii irra jira jedhan.

‎Hojii galmee bara kanaa bu’a qabeessa taasisuuf karoora bara darbee irraa muuxannoo fudhachuun qophii duraa taasisaa akka jiran ibsan.Bara 2018 barattoota kuma tokkoofi 359 galmeessuuf karoorfatanii lakkoofsa karoorfamee olitti galmeessuu danda’uu himan; hojii bara darbee haala gaariin xumuruun bara kana immoo barattoota Kuma tokkoofi 494 galmeessuuf karoorfatanii lakkoofsa karoorichaa olitti galmeessuuf hojiiwwan gara garaa hojjechaa jiraachuu ibsan.Haa ta’u malee, barattoonni sababoota adda addaatiin barnoota isaanii addaan kutan jiraachuu isaanii eeruun Sababoota barnoota addaan kutan keessaa fedhii barnootaa dhabuu, gara biyya alaa godaanuu, heeruma, rakkoo fayyaafi rakkoo maatii kanneen ijoo ta’uu ibsaniiru; barattoota 25 sababoota adda addaatiin barnoota isaanii addaan kutan adda baasuun hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.
‎‎
‎Mana barumsichaa keessatti dareewwan barnootaa 24 waan jiraniif tokkoon tokkoon daree keessatti barsiisaan barbaachisu argamuun murteessaa ta’uu ibsuun; ‎ hawaasni guyyaa galmee barattootaa ijoollee isaa qabatee gara mana barumsaa dhufuun mana barumsaa cinaa dhaabbatee hojii galmee kan  milkeessuu keessatti gahee isaa akka bahus dhaamaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Dawaa Caffaa Obbo Abduu Arraagaawu  adeemsa baruufi barsiisuu bu’a qabeessa taasisuuf galmee barattootaa sirnaan, qulqullinaaniifi yeroo isaa eeggatee gaggeessuun murteessaa ta’uu ibsanii. Bara darbe adeemsi baruufi barsiisuu haala gaariin xumuramuu himuun bara barnootaa haaraa kanaafis qophiin duraa barbaachisaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Aanaa Dawaa Caffaa keessatti manneen barnootaa 67 kan jiran yoo ta’u, sadarkaa 1ffaa 60, sadarkaa 2ffaa 5fi  manneen barnootaa oolmaa daa’immanii 2 jira. Barattoota kuma soddomii torbaafi 988 galmeessanii barsiisuuf karoorfachuus ibsaniiru. Galmeen barattootaa baay’ina barattootaa beekuu qofaaf osoo hin taane  baay’ina barsiisotaa, dareewwan, teessoo, meeshaalee barnootaafi tajaajiloota barbaachisan dursee qopheessuufi qabeenya sirnaan ramaduuf bu’uura guddadhas jedhan.

‎Dabalataanis sirna dijitaalaafi tekinooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuun odeeffannoo barattootaa qindeessuu, hordofuufi walitti dabarsuu irratti hojii hojjetaa jiraachuu himan. Barsiisaa irraa kaasee hanga mana barumsaa, suupervaayizaraafi qajeelcha barnootaatti odeeffannoon barattootaa karaa sirna teekinooloojii hordofamaa jiraachuus dubbataniiru.

Akka Itti Gaafatamaan qindeessaa kutaa qophii karooraafi ragaa Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo Obbo Ahimad Abduu jedhanitti ‎ barattoota kuma dhibba tokkoofi kuma sagaltamii afuriifi 858 galmeessuuf karoorfachuufi barnoota ga’eessotaatiifis barattootaa kuma soddomii tokkoofi 26 galmeessuuf karoorfamee jiraachuu ibsaniiru.

‎Galmeen barattootaa mana barumsaa, maatii fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti odeeffannoo sirrii qooduun itti-gaafatamummaafi iftoomina cimsuufis kan gargaaru dha. Kanaaf  galmee barattootaa sirnaan qopheessuu, qulqullinaan qabachuufi yeroon galmeessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuufi adeemsa baruufi barsiisuu bu’a qabeessa taasisuuf murteessaa dha.

Geexee Gizaawutiin

Oduu

AMECO Hirkoo