Istaadiyeemiin Baahir Daar Taphoota Addunyaa Keessummeessuuf Eeyyama Argate

Istaadiyeemii Idil-Addunyaa Baahir Daar, Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) irraa yeroo dhiyoo asitti hayyama yeroo rammadii 3ffaa argachuun isaa ni yaadatama. Hayyamicha kan argate Hulaagaalee kanaan dura akka guutuuf itti kennamee ture guutuu isaan ta’uu, Biiroon Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Naannoo Amaaraa ibseera. Itti Aanaan itti Gaafatamaa Biiroo Obbo Gaashaw Taqqabaa miidiyaa dijitaalaa AMECO’f akka ibsanitti, istaadiyeemichi ulaagaalee CAF’n gaafate sirnaan guuteera jedhan.

‎ Kutaa uffannaa afuriifi meeshaalee tajaajilaa barbaachisoo waliin guutamee qophaa’eera. kutaa keessummoota addaafi keessummota baay’ee murteessoo ta’anii (VIP fi VVIP) akkasumas kaafteeriyaawwan qophaa’aniiru. Miidiyaaleef kan oolu, jechuunis konfiransii miidiyaa, waraabbiifi tamsaasa kallattii gaggeessuuf mijataa ta’an kutaafi bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo waliin guutamaniiru.

‎Taphoota hordofuuf kan gargaaran kaameeraawwan 116fi iskiriiniiwwan 9 hiidhameera. Hulaagicha bu’uura godhachuun balbaloonni ijoo seensaa istaadiyeemichaa lama irraa gara shanitti akka dabalan taasifameeras jedhan. Dirreen istaadiyeemichaa hulaagaalee CAF qofa osoo hin taane, ragaa mirkaneessaa FIFA illee argatee sadarkaa barbaadamuun qophaa’eera. Dabalataanis guyyaafi halkan taphoota gaggeessuuf kan dandeessisan ibsawwan 20 diriirfamuu isaanii ibsaniiruu

‎Istaadiyeemichi hulaagaalee sadarkaa 3ffaaf kan gaafatamanii oliitti hulaagaalee sadarkaa 4ffaa yookiin hayyama guutuu argachuuf gargaaran ilaalcha keessa galchuun guutamuu barbaachisan guutamaniiru jedhan. Hojiiwwan guutamuu qaban kanneen akka hojii utubafi kallattii agarsiiftuu muraasni biroo xumuramaa akka jiranis ibsaniiru.

‎ Gamaaggamtoonni yeroo taphaa dhufan, beekamtii guutuu yookiin mirkaneessa sadarkaa 4ffaa akka kennan abdii qabaachuu isaaniis itti aanaan itti gaafatamaa ibsaniiru.

‎Hayyamni istaadiyeemichi argate kan kana duraa biyya alaatti biyyi keenya taphataa turte, amma immoo gareen biyyaalessaa Itoophiyaa biyya ofii keessatti iddoo inni itti taphatu argachuun gammachuu Itoophiyaanota maraa ta’uu ibsan.‎
‎Gama biraan immoo sochii turizimii ispoortii Naannoo Amaaraa akka kakaasu dubbataniiru. Taphaan ala hoteelotaafi tajaajiloota biroof carraa bal’aa kan uumu ;sochii turizimii naannichaatiif faayidaa olaanaa akka qabaatus ibsaniiru.

‎Yeroo dorgommii keessatti, taphattoota biyya keessaa dabalataan taphattoonni biyya alaa gara Magaalaa Baahir Daaritti yeroo dhufan doolaara qabatanii waan dhufaniif, naannichaa qofaa osoo hin taane, sadarkaa biyyaattis sharafa alaa argamsiisuuf faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Geexee Gizaawutiin

Oduu

AMECO Hirkoo