Sudaan Waldhabdee Keessoo Ishee Marii_biyyaalessaan Furachuufi

Pireezidaantiin Mana Maree Ce’umsaa Biyyooleessaafi Hooggana Waraanaa Sudaan, Abduul Fattaah al-Burhaan, marii biyyaalessaa hunda-haammataa akkaataa bilisa ta’een dhiyaate deeggaruu isaaniifi hirmaannaa mijeessuudhaaf wabii seeraa, siyaasaafi nageenyaa kennuuf qophii ta’uu isaanii gabaaafame.

Kabaja Ayyaana Waraana Sudaan tokkoomsuu itti yaadatamuu ilaalchisee sirna geggeeffame irratti kan dubbatan Al-Burhaan, mootummaan deeggarsa loojistiikiifi wabii kan dhiyeessu yoo ta’u, qophii mariichaa, ajandaafi bu’aa isaa murteessuu keessaa ala akka ta’u ibsaniiru.Tarkaanfiiwwan yaada dhiyaatan keessatti Himannaa yakkaa hirmaattota irratti banamee jiru dhaabuu, Himannaa seeraa dhuunfaa irraa yeroof to’atamuu irraa tikfamuufi marii sana irratti yaada, ilaalchaafi yaada dhiyaatu irratti dhiifama guutuu kennuu kan hammatudha.

Al-Burhaan adeemsichi hirmaattota irratti qofa kan daangeffamu osoo hin taane, uummata bal’aaf  banaa ta’uu akka qabuus eeruun, raayyaan biyyaa sodaafi daangaa malee deeggarsa, qeeqaafi ilaalcha isaanii akka ibsan kan eeyyamu ta’uu dubbataniiru.Tarkaanfiin kun marii walitti fufinsaan ji’oota hedduudhaf Al-Burhaan, Dimokiraatik Bilook  [Democratic Bloc]fi gareewwan hidhatan akkasumas daandii siyaasaa gaggeeffamaa turee booda kan dhufedha. Tuutni kun mariin biyyaalessaa Sudaan keessatti akka gaggeeffamu, abbummaa biyyaalessaa irratti akka xiyyeeffatufi sababa bu’uuraa walitti bu’iinsa sanaaf furmaata akka kennu karaa agarsiistuu dhiyeesseera.Marii kanas hirmaattota, ulaagaalee, ajandaafi qophii hojii murteessuuf koree qopheessituu bilisa ta’e dhaabuuf jecha gareewwan hawaasa siivilii, manguddootafi gaggeessitoota amantaa waliin gaggeeffameera.

Geexee Gizaawutiin

Oduu

AMECO Hirkoo